Categories: Oduu Oromiyaa

Qabsoo Bilisummaa Dhaloota Dhalootatti Darbaa Dhufe, Ammaas Dhaloota Qubeen Galma Gaha.

 

Ilmaan Oromiyaa roga hunda irraa sirna garboonfattuu wajjin falmaa jabeessanii itti fufanii jiru. falmaan kun dhalootaa dhalootatti darbaa yeroo ammaa fiixee xumura garbummaa gahee jira. Ilmaan Oromiyaa kumaataman itti wareegamanii injifannoo seenaa Oromiyaa keessatti bakka olaanaa qaban galmeessanii jiru. injifannoon Qabsaawota Oromo lubbuu qaalii Biyyaa isaanii Oromiyaa fi Ummata isaanii Oromoof wareega Qabsaawonni kaleen kafalan cululuqee as gahee jira.

Hunda caalaa garuu dhaloota abbaa Biyyummaa fi mirga bilisummaa Oromoo fi Oromiyaaf falmatee yeroo dhumaaf sirna bittuu awwaalu itti guddifachuu danda’ee jira.

Kanaaf dhaloonni gabrummaa baatee jiraatu kana booda dachee Oromiyaa keessatti hin biqilu. gareen ammaas akkuma sirna moofaa darbe wajjin of jijjiranii ilmaan Oromiyaa ajjeesaa fi ajjeesisaa turan yeroo xumuraaf iddaan Oromiyaa keessaa buqqifamaa jiru. Kanaaf jaallan wareegama qaqaalii kaffalanii dhaloota bilisummaa isaaf falmatu biqilchanii fi guddisaaniif galanni isaanii bara baraan haa jiraatu. Dhalootni qubee yeroo ammaa kana qabsoo roga hundaa gaggeessuudhaan gara galii qabsoo Oromoo isa dhumaati susukaa jira. Dhalootni qubee akkuma jagnoota kaleessaa haarsaa lubbuu qaqqaalii itti kaffalaa jira. Yeroon haarsaa fi mana hidhaa itti sodaatanii diinaaf bitaman seenaa ta’ee jira. kanaaf, qabsoon Ummanni keenya godhaa jiru kabajaa fi ulfina seenaa qaba. Gatiin bilisummaa dhiigaa fi lubbuu tahuu Ummanni Oromoo golee Oromiyaa keessa jiru hundi hubate gatii bilisummaa baasaa jira. Humni gabroomsaa dachii fi sammiin lole kamuu humna ummata moohee hin jiru addunyaa kana irratti. Kanaaf ummanni keenya gatiin inni bilisummaaf kafalaa jiru galii bilisummaa san akka geessu

shakki tokko hin qabnu..

Addi Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessa bilisummaa fi mirga ilmaan Oromoof falmaa ture, ammaas amalaa fi toftaa qabsoo roga gara garaan jabeessee itti fufee jira. ABOn sochii ilmaan Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti karaa nagaan qindeeffatanii qabsoo roga hundaa taasisaa jiran guutummaatti deegara. Milkoomina hiriira nagayaa ummanni Keenya golee Oromiyaa hundaa godhaa jiru, addatti, hiriira nagayaa 8/6/2016 Ummanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti karaa nagayaan godhuuf deemu kana milkoomina isaa ni abdanna, Addi Bilisummaa Oromoo deegarsa cuqa’a hin qabne qabaaf. Ilmaan Oromoo, dhalti Oromoo Saba kana irraa dhalattanii uleen diinaan Saba kee tumaa jirtu guyyaan Saba kee bira dhaabattee Sabummaa kee mirkaneesitu har’a jenna. yokaan ammoo, Sabarraa cittee galaana gabroomsaa fuudhuuf deemuun akka fuudhamtu hin shakkinu.

Akkuma Ummanni keenya gadaa hundaa, Da’imanii hanga manguddoo duugda jalleessatti kallatti hundaan sirna bittuu wayyaanee (TPLF) ofirraa darbuuf tokkummaan qabsoo wal irraa hin cinne taasisaa jiru, jaarmiyaaleen Oromoo maqaa gara garaan qabsoo gaggeessaa jirtan akka garaagarummaa keenya yeroo gabaabaa keessatti dhiphisuun tokkummaan akka qabsoo bilisummaa fi abbaa Biyyummaa Oromiyaa galmaan geenyu waamicha dhiheessa. Addi Bilisummaa Oromoo akkuma kanaan dura ummata Oromoof waadaa gale, tokkummmaan ala injifannoon ariitiin galmeessinu akka hin jirre hubachuun tokkummaan qabsaawotaa ariitiin akka dhugoomu gahee isa irraa eegamu hunda bahuuf qophii dha.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Adda Bilisummaa Oromoo

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago