Categories: Yaada

Biyya Oromoo Keessatti Biyya Biraa Ijaarun Itti Fufe!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Ummanni Oromoo saba guddaa, saba aadaa, seenaa fi duudhaa  guddaa
qabuudha.  Ummanni kun biyya mataa isaa, biyya barootaaf irra
jiraachaa ture ummata qabuudhasi.  Biyya isaa keessaattis akkuma
seenaan ragaa bahutti ummata  sirna bulchiinsaa mataa isaa diriirsee
ykn ijaarratee seeraa fi sirnaan, nagahaan wal bulchaa tureedha.
Ummanni Oromoo dachee badhaatuu lafa facaasanii  irraa hammaarratan,
horanii irra yaasan qabu ta’unis  dhugaa iafa jiruudha.  Walumaa
galatti ummanni Oromoo ummata aadaa, seenaa fi dhuudhaa akkasumas
qabeenya ummamaa hammaramee hin dhumne qabudha jechuutu danda’ama.
Ummanni waan hundaan badhaadha jennu kun, ummanni Oromoo odoo wanneen
tarraa’an kana mara qabuu ta’e jedhamee weerartootaan beeleffameera,
akka daaru ta’eera. Biyya abbaa isaarraa godaansifameera.  Osoo biyya
qabu biyya isaa diinan saamamee biyya dhablee ta’eera.
Hidhameeras,dararameeras ajjeeffameeras.
Ummanni  Oromoo  maalif akka rakkoo kana maraaf saaxilame eenyu
jalaayyuu dhokotaa  miti.  Haata’uutii  tarii waan Oromoon irra jiru
kan hin hubatani yoo jiraateef amma Oromoon harka gabroonfataatii
bahutti dhugaa impaayera itiyoophiyaa keessa jiruu fi Oromoon irra
jiru  irra deddeebi’anii wal hubachiisuun  akkaan barbaachisaadha.
Kaleessa weerartoonni Habshaa kaabarraa Oromootti Duulanii maal akka
Oromoorratti dalagaa turan seenaan  katabee lafa kaa’ee darbeera.
Qayee fi qabeenyarraa buqqisanii  Saamaniiru, hidhaniiru,
ajjeesaniiru, biyya isaa kan ofii godhatanii irra garmaamaniiru. Irra
garmaamas jiru.Yoo isaan qabeenya isaan biyya isaa keessatti
fandalalan Oromoon hiyyummaa daangaa hinqabne jalatti kufee
mankaraaraa jira.
Wayyaaneen miila weertoota Habashoota kana dhahattee  ykn hordoftee
haaluma walfakkaatuun qawwee qabattee Oromootti waggaa 25n dura maqaa
bilisa baasaatiin weerara gaggeessite  akkuma hunduu quba qabutti
waggoota 25n darbaniif ummata Oromoo hiraarsaa  jirti.  Har’a  Oromoon
biyya abbaa isaarrati mirga takkaawuu hin qabu. Odoo qabuu dhabeera,
beela’eera, beela’aas jira. qabeenyumaa fi biyya abbaa isaarratti
hidhaa fi ajjeechaan guyyuu waraana sirncihaatiin irratti raawwataa
jira. Wayyaaneen  Laga danuu ceetee Oromootti duulte abbaa qayee fi
qabeenya Oromoo taatee ykn humnaan dhaaltee  abbaan biyyaa  Oromoon
ammoo halagaa ta’ee qayee fi qabeenya isaarratti  ajjeefamaa jira.
Mana hidhaatti guramaa jira,Kan hafe ammoo biyarraa godaansifamaa
jira.
Oromoon  daangaa malee hidhamaa jira, ajjeefamaa jira,  biyyaa
godaansifamaas jira, darbees  Qeeyee fi qabeenya isaarraa humnaan
buqqifamee  qabeenyi isaa  kan Wayyaanootaa fi waayiloota isaanii
ta’eera. Qabeenyi Oromoo kan wayyaanee ta’eera yoo jedhamu ragaa malee
miti, ykn maqa baleessiif waan  jadhamaa jirus miti. Ajjeechaanis
ta’ee hidhaan darbees saamichi daangaa darbe  kun dhugaa
addabaabaayitti  muldhachaa jiruudha. Ifatti ta’aa jira waan ta’eef
kan wal nama mormisiisuus miti.
Saamichaa fi ajjeechaa  guutuu Oromiyaa keessatti waggoota 25n darban
bara bittaa wayyaanee ummata Oromoorratti raawwataa turee fi jiru
dhiifne mee asuma dhiphifnee  yakka  Giddu galeessa Oromiyaa Finfinnee
fi naannwa Finfinneetti  waggoota 25n darbaniif keessumaa baroota
dhihoo as raawwatan kaafnee yaa ilaallu.  Waan wayyaaneen naanoo
kanatti qofa dalagde yoo  kaafnee ilaalle dhiibbaan siyaasaa fi
diinagdee ammamii akka Oromoorratti raawwachaa  turee fi jiru
argisiiftuudha,  Ykn dhugaan naannoo kana jiru  waan gutuu Oromiyaa
keessatti dalagamaa turee fi jiruuf ragaa  guddaadha.
waggoota 25n darbaniif  keessumaa baroota dhihoo as  Finfinneen akka
malee  bitaa fi mirgatti, kaabaa fi kibbatti balattee  Oromoon naannoo
kana jiruu fi  innumti rakkoo hedduun xaxamee finfinnee keessa
jiraataa ture qayee isaa durii hin jiru.Ta’e jedhamee Wayyaanootaan
buqqifamee qayeen isaa dhabeera. Humnaan dhaalameera. Abbootiin
haangoo Wayyaanee fi waayiloonni isaanii lafa qonnaan bulaa naannawa
Finfinnees ta’ee kan Oromoota Finfinnee keessa jiranii saamuun
qircataniiru.  Oromoon qayee fi qabeenyarraa buqqaye kun kuun biyyaa
baqateera, kuun waardiyyaa fi hojjettuu mana namaa ta’ee biyya abbaa
isaa irratti gabrummaaf saaxilameera.
Maastar pilaaniin  finfinnee fi naannoo ishii walitti dabalu dhiiga
ilmaan Oromootin haa dhaabbatu malee  ammalleen Finfinneen kaabaa
kibbaan bahaa, lixaan finfinneen babbalachaa manneen har’aan kuma
dhibbootaan lakkaawwaman dureeyyoota Tigraayii fi waayiloota
isaaniitiin ijaaramaa jiru. Kaampaanoonni Wayyaanee baldhinaan lafa
Oromoo  fudhatanii  Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisaa jiran hedduu
ta’anis  adda durummaan garuu dhaabbanni ykn kaampaaniin  Ayaat
jedhamu  akkaan beekamaa fi erga dhaabbateeyis waggaa 20 gaheera.
Dhaabbanni wayyaanootaa kun  waggoota 15 oliif finfinnee gama kaaba
bahaatin ykn kutaa magaalaa Eekkaa fi Boleetti, lafa qonnaan bultoota
Oromoo hiktaara kuma hedduun lakkaawwamu gatii hektaara tokkoof  birri
tokko hin caalleen saamee  tigrootaa fi Habshoota isaan dura finfinee
keessa turan waayiloota wayyaanee duroomseera. Hara’a mana tokko
Aayaat amma miliyoona 10tti gurgurataa jira.
Akkuma yaadatamu gaafa lafti kun humnaan irraa fudhatamu waggaa 15n
dura jechuudha; qonnaan bultoonni Marii Loqee, naannoo Eekkaa fi
Boolee Bashaalee “መገናኛ፣ሲ ኤም ሲ CMC, ሃያት መንደር” Lola lafa keenya hin
kenniinu jedhu kaasanii baayyeen isaanii ajjeefamanii, hidhamanii,
bakka buteen isaanii dhabameera.  Kuun biyyaa baqataniiru, kan hafan
ammoo kadhattuu, hojjettuu mana namaa fi waardiyyaa ta’anii hiyyummaa
bara baraa jalatti kufanii hafaniiru. Kan dhuunfaan lafti qonnaan
bulaa Oromoorraa saamame kennameefii ijaarratanis lakkoofsa akka hin
qabne namni Finfinnee kallattii afaraniinuu arge ni beeka. Hara’a
saamichi kun Sandaafa, Laga-xaafoo, sabbataa, buraayyuu,
Duukam,Sulultaa fi Alam ganaa, gaheera.
Mee saamicha karaa kaampaanoota wayyaanee maqaa nama dhuunfaataniin
dhaabbatanii Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisaa fi saamaa jiran
dhiifnee kan karaa wayyaanee maqaa mootummaatiin raawwatu ammoo haa
ilaallu.
Wayyaaneen  manneen kondominiyeemii  kuma dhibbootaan birri
biloyoonnii hedduun itti  dhanagalahe ijaaraa akka turtee fi jirtu
himachaa turte, himachaas jirti gaafiin asirratti ka’uu qabu eenyutu
manneen kanatti gala jira? Qabeenya eenyutiin ijaarame kan jedhuudha?
Manneen kondoominiyeemii jedhaman kunneen  kan ijaaraman shakkii fi
mormii tokko malee bunni,  beelanni, warqiin fi albuudoonni  naannoo
Oromiyaatii daangaa malee saamaman gurguramaniiti. Galii achirraa
argamaniini. Sibilli bitamu, kaffalatiin Ogeessaa, Simintoon,
cirrachi, dhakaanilleen osoo hin  hafin kan guuramee ittiin ijaaramaa
jiru Oromiyaa keessayi. Kan manneen kanatti galaa jiru hoo eeynu. ?
Oromoon maala manneen  qabeenyi isaa itti dhanagalahee ijaaraman
kanarraa argataa jira?  Deebiin homaa kan jedhuudha.
Manneen kana argachuuf jiraataa magalaa Finfinnee ta’anii waraqaa
eenyummaa magalaa qabaachuun dirqama.  Gaafiin asirratti ka’u Oromoon
magaalaa finfinnee keessatti hojii humnaas haata’u kan ogummaa hojjetu
waraqaa eenyummaa hin qabu. Argachuus hin danda’u. Maaliif jennaan kan
waraqaa eenyummaa jiraataa Finfinnee  wabii ta’ee namaa baasuu danda’u
nama duraan dursee magaalattii keessa jiraacha turee fi mana jireenyaa
qabuu dha. kan gaafa Oromoon weerarmeerraa kaasee Finfinnee keessa
jiran  ammoo  irra guddaan isaanii Amaaraa fi Tigroota har’aati. Isaan
ammoo lammii isaanii  baadiyyaadhaallee osoo hin hafin  waamanii
waraqaa eenyummaa  jiraataa Finfinnee wabii ta’anii  gandarraa baasuun
wal fayyadaa jiran malee odoo du’aniiwuu Oromoof hin baasan.  Oromoon
isaan biratti “Shororkeessadha” waan jedhamuuf eenyuyyuu Oromoof wabii
ta’ee warqaa jiraataa magaalaa Finfinnee hin baasuuf.   Hara’a
Amaaraa fi Tigrootaatu  wabii walii ta’ee kondominiyemif galamaawa.
Isaantu carraa mana jireenyaa qabeenya Oromootin ijaaramee argachaa
jira. Oromoon ammoo mana isaanii irraa kireeffatee jiraata. kanarraa
ka’uun  manneen kaampaanii dhunfaatiin ijaaraman  lafa Oromoorratti
Oromoo buqqisuun ijaaramanis haa ta’u kan maqaa motummaa wayyaaneetiin
ijaarman kana keessaa Oromoon qooda hin qabu. Bu’aan Oromoo lafa isaa
saamamuu, qabeenya isaa itti dhabuu fi xurii manneen kana keessaa itti
dhangalaafamuun  sa’aa nama isaa dhabuu dha.
Kun yakka sanyii balleessuu isa olaanadha Genocide . Gocha calliufamee
ilaalamuu qabus miti. Babalanni maqaa maastar pilaanitiin  taasifamuuf
ture Oromoon dhiiga isaatiin ofirraa ittiseera.  Haata’uutii yakki
Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisuu  karaa adda  addaatiin akkuma
itti fufeetti jira. Biyya Oromoo Finfinnee keessatti biyyi biraa
ijaaramaa jira. Kana hubachuu fi itti dammaquun  falmii eegalame
jabeessanii itti fufuun ammoo  dubbii fardii fi  murteessadha!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago