Categories: Oduu Oromiyaa

Guutuu gabaasa gocha guyyaa kalee Makkalaakiyaan DHANGAGGOO tti raawwate.

 

Muddee 11/2017

Yeroo ummanni Oromoo hamma dur caalaa wal dhageettiifi bilchina siyaasaa horate kanatti, haalli kun diina waan hin gammachiisiniif tooftaafi shira garagaraa uumee tokkummaa ummata Oromoo gufachiisuuf wayyaaneen tattaaffii hedduu godhaa jirti. Oduun bifa ololaatiin guyyaa muraasa dura magaalaa Dirree dhawaa keessa faca’aa turte, tan mootummaan wayyaanee lammiilee Oromoo shira wayyaanefi Abdi illeetiin qa’eefi qabeenyarraa buqqifamanii baafaman, namoota isaan gargaaruuf ka’e karatti ugguranii gara bakka irraa dhufanitti diraqamaan deebisuuf wayyaaneen karoora qabdiin; akka waan dhugaa taatee mullataa jirtuuti. Kun ammoo tuffiifi daran sirni kun hangam tokkummaa ummata Oromoo arkuu akka hin barbaanne garsiisa.

Guyyaa kaleessaa qofa raayyaan ittisa wayyaanee Harargee bahaafi lixaatti magaalota akka Dhangaggoo, Cinaaksaniifi Mieysotti hawaasa Oromoo kan lammii isaa gargaaruuf deemaa ture miidhee galama hanqisaa jira. Bakkoota kana malees bakka hedduutti yakka bifa kanaatu raayyaa ittisa wayyaaeetiin raawwatamaa jira. Jarri ergaa maal ja’u dabarsuu akka barbaadde, ummataaf ifaa miti.

kaleessaa magaalaa Dirree dhawaarraa namoota quuqamni lammii isaanii itti dhagahamuun Hammarreysa dhaqanii lammii isaanii cinaa dhaabbachuuf waan dandahan walitti coranii manaa bahan, karatti magaalaa dhangaggootti raayyaan ittisa wayyaanee afaan bahuun dhukaasa itti banee; garagaarsa namoonni kunneen deemaanii turees saamee jiraachuu himan. Tarkaanfii raayyaa ittisa wayyaanee kanaan namni madaaweefi hidhamees jiraachuu jiraattoonni dubbatan.****

Namoonni gargaarsaan deemaa turan kunniin konkolaataa 4n sossohaa akka turaniifi raayyaa ittisa wayyaaneetiin konkolaataa gargaarsaa waliin qabamanii kaambii Addeellee akka geyfaman keessa beytoonni ibsan. Namoota haala suniin qabamanii tasa gad dhiifaman tokko dubbifnee haala kanaan waan isaanirratti gaggeyfame nutti hima.***

Raayyaan ittisa wayyaanee magaalaa dhangaggootti tarkaanfii gara jabummaa kana tola-ooltotarratti eega fudhateen booda bitaafi mirga faca’uun jiraattoota magaalattii uleen tumee hidhaa turuu jiraattoonni himan. Qeerroon Dhangaggoo kaleessa qa’ee gad dhiiftee haala itti gaaratti baqatteetu ture. Ganda Raaree keessa deemuunis raayyaan ittisa wayyaanee dubartootaafi daa’immanirrattiis gocha suukanneysaa raawwataa ture.

Akka jiraattoonni magaalaa Dhangaggoo himanitti Guyyaa Roobii as deemu Hammarreysa dhaqanii lammiilee Oromoo waan dandahaniin gumaata oolanii cinaa dhaabbachuuf akka hamilan ibsanii, gochi wayyaaneen raayyaa ittisa isiitti fayyadamtee magaalaa isaaniitti gaggeysite kun yaaddoo keessa kan isaan galche tahuu himan. Tahus garuu shira wayyaaneetiif waan hin okkolleef,furmaanni jiru jabaannee irra aanuu qofa. Hanga jarri kararraa mayxuu eynee bakka kaaneef geenya jechuun OMN iif yaada laatan.

Akka namoonni hubannoo qaban nuun gahanitti wayyaaneen wanni gocha kana raawwatteef, torbaan 2n dura gaafa jiilli ulamaa’ota Oromoo lammii isaanii daawwatuuf dhufanitti ummanni magaalaa Awwadaayiifi Haramaayaa akkasuma magaloota birootis simannaa owwaa, naamusa qabessaafi kan jiraattoonni heddumminaan irratti hirmaatan waan taasisaniif wayyaaneen haalli kun isiif hin liqimfamne. Simannaan akkasii lammada akka hin uumamne waan barbaadduuf, gama kaaniin mootummaa Harariitii waliin shira xaxxee lammiilee Oromoo Hammarreessa jiran buqqisuufi namoota isaan gargaaruufi daawwatuuf dhufan karatti hambisuuf dhiibbaa godhaa jirti. Mootummaafi jiraattoota magaalaa Hararii keessattiis hubannoo dabaa, lammiileen Oromoo Hammarressa jiran yoo buqqifaman malee nageenyi magaalattiif akka hin buune waan ja’u facaasaa jirti. Haalli kun hegeree biyyattii kan booreysuufi Oromoota dallansiisaa jiraachuun ifa.

Haaluma wal fakkaatuun warraanni addaa naannoo Soomaalee Hawaasa Oromoo magaalaa Dirree Dhawaa Araddaa laga Odaa gununfataatti daangaa cabsee seenuun Milishoota araddaatiin wal afaan waan jiraniif, waraanni addaa NS hidhannoo guutuufi humna dabalataa gahaa waan qabuuf jiraattoonni araddaa Odaa Gunuunfataa yaaddoo keessa kan galaniifi Oromoonni naannawa san jiran nuuf dirmadhaa jechuun iyyatan.

Osman Abdulaxiif OMN

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago