Categories: Yaada

Maal nuuf Wayyaa?

MAAL NUUF WAYYAA?

Oromo !!!

1. Guyyaa guyyaatti dhangala’uu qeerroofi qarreewwan keenyaa dhagahaa oolla? (Suuraafi dhiigni roobe nu warra lubbuun jiru macheesseera)

2. Mana hidhaatti gidirfamaa kan jiran warra wareegamanirra dachaa 100 caaluum,

3. Kan biyyaa godaanaa jiraniifi akka ba’anitti hafanii jireenyi isaanii bosona (bineensafi beelaan nyaatamaa jiran) hedduum,

4. Asitti achitti iddoo akkanaafi akkasiitti fincilli ka’eera (garuu reebamaniiru, mana hidhaattti guuramaniiruu, du’aniiru…) dhaga’aa jirra.

5. Erga gaafa qabsoon kun dhoheeti Oromoodha kan ofiin jedhu hundi hojiirra hinjirru (Kan baratu raata’eera, kan hojjetu wallaalchifameera…karaafi karri cufaa…)

Egaa gaaffiinkoo….!

1. Cal jennee hamma hunduu daguugamee dhumutti teenyee ilaaluudhaa?
2. Tarkaanfiin gama Oromootiin galmaa’aa jirummoo maaliidha? (Moo dhumaatii daddaraaroo keenyaatu akka injifannootti galmeeffama?)
3. Meerre dhaabni Oromoof jiru maal hojjetaa jira? (Qeerroon biyyaa kun ooggansa eenyuu jalatti ijaaramee jira—itti gaafatama hundaa eenyutu fudhataa jira?)

Fala ta’a laataa?

1. Ooggansi haaraan dhaloota kana fuudhee deemuu danda’u lafa Oromoorratti ijaaramee waan dana’amuu maraan diina dura dhaabbachuun barbaachisaadha natti fakkaata.
2. Ergaan takkaa sabni walfaana dammaqee ajjeesaa-du’aa jijjiirama tokkorra atattamaan ga’uu (yookaan bilisoomuu yookaammoo barabaraan garboomanii harka kennachuun jiraachuu) malee guyya guyyaan kan nujalaa du’aa jiru qofa teenyee galmeessuun fala miti.
3. Manneen amantaa, abbootiin gadaa, dhaabbileen Mormitoota siyaasaa alaafi keessaa tokkoomanii ergaan takkaa saba kana dammaqsanii jijjiirama tokkotti baasuu yookaan maqaasaanii haqanii kana booda dadhabneerra jechuun sabaaf ifa of gochuu. …

salphina keenya guddaa!

1. Hammana baay’anna jennee utuu dhaadannuu uummata bicuu kanaan guyyaa guyyaan dhumuu…
2. Guyyaa guyyaatti du’aa keenya awwaallannee gallee irbaata gaddaa nyaachuu,
3. Dhiigaan Oromoo taanee sirna garboomfataa kanaaf hojjechuu (Keessumattuu Miseensota OPDO keessaa warra garaatti gurguraman…)

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago