Categories: Oduu Oromiyaa

Abbaay Tsahaayyee duula OPDO irratti bane gara abbootii qabeenyaa Oromootti babal’isee!!

Gaaffiif deebii har’a baherraa akkuma dhageessanitti Abbaay Tsahaayyee lafti Oromoo saamamaa jiraachuu amanee, ‪#‎kan‬ ‪#‎saamsise‬ ‪#‎OPDO‬ kan saamaa jiru ammoo abbootii qabeenyaa Oromooti jedha. Jara kanatu yakka ofii dhoksuuf ummata Oromoo maqaa Maastar Pilaaniitiin fincilsiisaa jiraas jedha.
Ololli Oromoota yakkuu kun akeeka sadii of keessaa qaba.Akeekni isaaniis:

1FFAA. yakkaa ummata Oromoo lafarraa buqqaasuu fi ajjeesuu kana Wayyaanee fi qondaalota Tigrootaa irraa fageessee Oromoo irratti dhuubuun, Oromootu Oromoo saame, ajjeese, hidhe jechuufi. Haala kanaan ofii of qulqulleessanii Oromoota bakka lamatti baasanii wal nyaachisuu barbaada.

2FFAA. Akeekni olola kanaa kan lammataa, karoora Wayyaaneen OPDO diiguuf lafa kaayatatteef haala mijeessuudha. Torbanniif baatilee as deeman keessatti OPDO keessatti gubbarraa hamma gaditti tarkaanfiin ari’ii, hidhuufi ajjeessuu akka godhamuuf deemuu kan amma dura dubbataa turre har’a Abbaay Xahaayyee ifa baasee jira.

3FFAA. Akeekni sadaffaa ammoo abbootii qabeenyaa Oromoo sababa kanaan rukutuudha.Abbootii qabeenyaa Oromoo rukutuun waan lamaaf isaan fayyada.
1) Daldaltoota Oromoo rukutuun humna diinaggee qabsoo Oromoo laaffisuuf
2) Oromoota daldala keessaa guututti baasuun kaayyoo ol’aantummaa diinagdee Tigrootaa ijaaruudha.
Yeroo OPDOn siree Wayyaanee daddayxe tana deebiftee gadi dhaabuuf wixxifattu kanatti, hogganaan Wayyaanee arraabaafii diirsisaan galata isaaniif galchaa jiraachuu ni hubatan jennee abdanna. Torban sadi dura Abbaan Duulaa raadiyoo Wayyaanee tokkorratti dhihaachuun malaammaltummaadhaan OPDO yakkuun haa dhaabbatu jechuun waywaatee ture. Haasaan Abbaay Tsahaayyee kan ammaa dubbii Abbaa Duulaa saniif deebii tuffii tan suduudaa ta’uu isaatis hubachuun barbaachisaadha. Ee maal fidda ammas irra deebi’eetin si arrabsa jechaanii jira.
Haasaya Abbaay Tsahaayyee kana keessaa faaydaan Oromoon argate tokko garuu jira. Fincila Oromoon lafti tiyya saamamtee jirti jedhuuf afaan abbaa saamsiseetirraa ragaa jabaa argatee jira.
Dhugaan Oromoo afaan qaban funyaaniin xiixxee bahaa jirti. Qabsoon itti fufa. Mootummaan hattootaa kun ni kufa!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago