// Baarentuu Gadaa Irraa……….///
Dubbiftoota! Mee abbootiin irree humnaan aangoo qabatan maaf aangoo
humnaan qabatan sanarraa bu’uu didu..? maaf salphina eeggatu..?
jedhamtanii odoo gaafatamatanii deebiin keessan maali? Abdiin qaba
baayyeen keessan akka sababaa adda addaa tarreessitanii fi kanaa fi
sana jettan. Eeyyee namuu sababa adda addaa danuu tarreessuu
danada’a. Sabani kunis walfakkaachuu baachuu mala! Dhugaan lafa
kanarra jiruu fi irra jiraan namaa irratti walii galu, kan seenaan
abbootii irree ka’anii kufanii argisiisu garuu tokkoo fi tokko qofa!!!
Tibba kana yoo waraanni biyya Zunbaabee abbaa irree pireezidaantii
biyya sanii ta’uun nama waggoota 37 oliif aangoo hunda humnaan
sassaabbatee irra ciisaa ture fonqolchu dhageenyee agarreerra. Namni
kun aangoo biyyattii hunda harka isaa fi haadha warraa akkasumas
maatii isaa galchuun maal akka uummata Zunbaabee godhaa tures namni
quba hinqabne hin jiru. Eeyyee waraanni biyyattii karaa dubbi himaa
isaa teeleeviziyoonitti bahee Mugaabeen mana isaa keessatti hidhamuu
ykn uugguramuu warra isa marsanii biyyattii dhiiga xuuxaa turan garuu
seeratti dhihaachaa akka jiran ibseera. Waraanni biyyattii aangoo
biyyattii Mugaabeen irratti tortore tasa osoo Mugaabeen hin beekiin
qindaayee irraa buuse kun fakkeessiif amma Mugaabeen nagahumaan
mana isaa keessa jira jedhee haa hololu malee akka xinxaltoonni
jedhanitti dhugaan biyyattii keessa jiru Mugaabeenis akkuma abbootii
irree kaanii yakka raawwateef kan harka isaa argachuuf akka jiru
ifaadha!
Dubbiftoota! Mee guyyootuma ykn yeroodhuma gabaabduu dura waayee
Zunbaabee fi Roobarti Gaabreel Mugaabee duubatti deebi’aatii xiinxalaa
ykn ilaalaa. Namni Roobarti Gaabreel Mugaabee jedhamu kan waggaa 37
oliif aangoo biyyattii hunda humnaan dhuunfatee biyya Zumbaabee
jedhamtu bitaa ture kun aangoo irra ture kanatti quufuu dhadhabee yoo
inni kan dhufuuf of qopheessu argaa fi dhagahaa turre. Namni kun nama
humriin isaa 93 olii ta’uu caalaayyuu dullumarraa kan ka’e nama bakka
dhaqetti dhaabbachuu dadhabee kirkiruu, bakka taa’eetti muguu, haaswa
dadhabee afaan wal dhahuu ture. Abbaan irree kun osoo haala kanan
jiruu waggoota itti aananiifillee aangoof of qopheessaa, darbees isa
booda haadha warraa isaa Girees Mugaabee dhaalchisuuf qopheessaa ture.
Eeyyee jaarsi waggaa 94tti hiiqu kun mormitoota isaa mara akkuma
wayyaaneen impaayeera Itiyoophiyaa keessatti godhaa jirtu kaan hidhee
kaan ajjeesaa, kana ammo horiin bitaa ture, akka fakkeenyaatti namoota
paartii mormituu hoganaan keessaa kan miidhaan guddaan nirra gahaa
ture Shaangiraayi namani quba hin qabne hin jiru. Mugaabeen akkuma
wayyaanee uummata Oromoo fixaa jirtuu warra isa waliin qabsaawanii fi
hojjetanifillee nama tolee miti. Akkuma yaadatamu itti aantu isaa
waggaa dheeraa waliin hojjete waggaa muraasa dura “haadha warraa koo
ija gaariin hin ilaatu” jedhee aangorraa hari’eera. Qabsaawaa bara
dheeraa kan dubartii kana bakka bu’uun itti aanaa pireezidaantii
biyyattii tures kunoo tibba darbe haaluma walfakkaatuun “Girees
Mugaabee ijji inni ittiin ilaalu natti hin tolle, nafonqolchuuf
yaala” jechuun dhiitee ofirraa hari’e. Walumaa galatti hundumaa
hari’ee aangoo biyyattii ofii fi harka haadha warraa isaa Girees
Mugaabeetti galche. Garuu kunoo xumura badaa jira!
Roobarti Gaabreel Mugaabeen warra naan mormu jedhe hari’uu, hidhuu
ajjeesuu fi bakka buutee dhamasiisu qofa osoo hin taane guddinatti
balabala cufee biyya “Gootaraa midhaanii” jedhamuun beekamtu
hiyyummaaf saaxilee uummattoonni biyyattii akkuma uummattoonni
Itiyoophiyaa bulchiinsa Wayyaanee jalatti beelaaf fi gadadoof
saaxilaman beelaa fi gadadoof saaxile.Waggoota 37 oliif Zunbaabee
haqanqaalee bitaa ture. Har’a garuu dubbiin akka yaade hin taanefi.
Odoo bara bittaa biraa yaaduu waraanuma isaan salphifame. Xumura isaa
kan oollee, bullee ilaallu ta’uus warri isa marsee harka dhahaa ture
kanneen akkuma OPDOn hara wayyaanee jala kaattee uummata Oromoo
miisiisaa jirtu; miisisaa turanii fi ergamtoonni hunduu har’aa mana
hidhaatti darbatamaa jiru. Mugaabee aangoo irratti ciccaa turee fi
irrattis du’uuf of qopheessaa tureeefis haalli jiru miidhagaa miti.
Innis halalyyaatti sigigaachaa jira. Kan baayyee nama ajaa’ibuu fi
nama raaju abbootiin irree hunduu addatti ammoo Afrikaanonni maaf amma
haala kanaan salphifamanii aaangoo gadi dhiisanitti irratti cichuu kan
jedhuu dha..??
Dubbistoota! Mee immoo mootummoota Afrikaa bulchaa turanii fi jiran
hunduma isaaniituu of duuba deebi’aatii ilaalaa, warra hara’a
aangorra jiranii fi uummata bulchaa jirra jedhan uukkaamsanii, mirga
namoomaa isaanii dhiitanii bulchanis xiinxalaa. Yoo biyyoota xiqqoo fi
qubaan lakkaawwaman ta’e malee baayyeen isaanii akki itti aangotti
dhufanis ta’e akki itti aangorraa bu’anii fi bu’uuf deeman baayyee
fokkisaa dha. Du’aan, hidhaa fi salphinaan bu’aa turan bu’uufis jiru.
Abbootiin irree maqaa uumataatiin kakatanii filannoo uummataa malee
aangoo qabatan hunduu wanta isaan raawwataa turanii fi jiran yoo
illaalle faallaa dimookiraasii, faallaa mirga namoomaa, faallaa
uummata ittiin kakkataniiti. Aangoo yaabbatan irratti yoo cichan,
irratti du’an,irratti salphatanii fi humnaan fonqolfaman arginee
dhageenye. Fedhiin gadi dhiisanii hin beekan. Dimookiraasii, mirga
namoomaa hin beekan,. Uummanni beela’ee, dheebotee, dhibee fi
rakkoolee kamiifuu saaxilamee isaaniif dhimmaa miti. Kan nama
ajjaa’ibu ammoo kan ofii isaanitiif amma dadhabanii fi du’anitti
aangorratti cichan caalaa du’a isaanii boodallee ummanni akka
bilisummaa hin arganne abbaa irree biraa, maatii isaanii keessaa bakka
buufachuuf carraaquu isaanitii. Kan hara’ Zunbaabee keessatti argaa
jirruu fi kan Itiyoophiyaa keessatti argaa turree fi jirrus kanuma.
Egaa amallii fi haalli gadheen, fokkisaan abbootii irree Afrikaa
kan wal isaan fakkeessu isa kana. Tokko tokkorraa hin baratu. Dhugaan
akkasii kalees tureerraa Kunoo Mugaabee Zunbaabee irrattis
muldhateera. Aadaa siyaasaa impaayeera Itiyoophioyaa yoo kaafnee
ilaalle ammo kana caalayyuu fokkisaadha jechuu dandeenya. Namoonni
Impaayeera itiyoophiyaa bulchaa turan hunduu waggaa hedduuf humnaan
aangoo qabatanirraa bu’uu diddaaf ajjeechaa, hidhaa fi dararaa
raawwataniiru. Haylasillaaseerraa amma Wayyaanee har’aatti aadaa ta’ee
kanumatu itti fufe. Hayila sillaaseen, Dargiin tolaan dinnaan
Fincila uumataatiin, humnaan aangorraa bu’an. Wayyaaneen har’as akkuma
Hayilasillaasee fi dargii Kaleessaa fi Roobarti Mugaabee har’aa itti
bu’anitti malee akka hin buune ifatti muldhachaa jira.
Wayyaaneen guyyaa humnaan aangotti dhufterraa kaaftee waan ittiin
kakachaa turte hunda dagattee waan uummattoota itiyoophiyaa addatti
ammoo uummata Oromoo gochaa turtee fi jirtu argaa turre, jirra. Yakka
yakkarratt raawwachaa turte,jirti. Uummattoonni biyyattii keessumaa
uummanni Oromoo waggaa hedduuf tolaan nurraa bu’i jedhees murna tana
gaafachaa ture. Dinnaan garuu kunoo akkumaa argaa jirru humnaan
ofirraa buusuuf qabsoorra jira. FXG finiinsaa jira. akkuma abbootiin
irree impaayeera ityoophiyaas ta’e kan Afrikaa kanneen kaani itti
bu’anitti ofirraa buusuuf karaa jira. Wayyaaneetti salphina,
salphina caalu haguugee akka ofirraa kaasus shakkiin hin jiru!
Dubbistoota! mee gara gafii calqabarra kaafnee isa “maaliif abbootiin
irree amma salphatanii aangorraa bu’anitti eegu…? jedhu haa ilaallu,
eeyyee maaf amma slphinaatti aangorratti cichu,? deebin isaa kan
namni baayyeen irratti walii galuu fi dhugaan waayee seenaa abbootii
irree lafa kaa’ee darbe jedhu tokkoo fi tokko jenneerra, innis
abbootiin irree filannoo uummataa malee aangotti dhufan kun hundii
isaanituu yeroo aangorraa jiranitti uummata ykn uummattoota bulchaa
jirra jedhanirratti yakkoota danuu dalagau. Ni saamu, ni ajjeesu ni
hidhu, ni dararu uukkaamsanii, mirga uumaaa fi dimookiraasii isaanii
uuguranii bara bittaa fi saamicha aisaanii dheereffachuuf yaalu. Egaa
yakka kana mara raawwatanii tolaan aangorraa bu’an itti ulfaata. Yakka
dalagaa turanitti akka gaafataman waan beekanii fi sodaataniif amma
du’aan ykn humnaan aangoirraa bu’anitti tolaan bu’uu hin fedhani.
Kanaafuu kan isaan dhiphisu yakka dalaguu isanaiti.
Eeyyee rakkoon abbootii rree Afrikaa kana, Mugaabee Zunbaabee
bulchaa tures haa ta’u wayyaanee har’a uummata Oromoo hidhaa fi
ajjeesaa jirtu kanatu hudhee ishii qabee jira.
Wayyneen yakkoota uummattoota impaayeera itiyoophiyaa irratti addatti
ammoo Oromoorratti raawwachaa turte waan beektuuf amma salphifamtee
humnaan bututti aangoo gadi dhiisuu hin feetu. Dhugaan jiru kanaa fi
kana qofaa. Uumamttoonni cunqurfamoon Itiyoophiyaa addatti ammo
uummanni Oromoo kanuma hubatee qabsoo isaa roga maraa jabeessee itti
fufee jira, kan jabaatee itti fufuu qabus kanaa fi kana qofa!
Wayyaaneen akkuma abbootii irree kaanii lolaan malee murna tolan
buutii miti! Kan tola didee salphina barbaade salphisuun ammoo yakkaa
miti!
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…