Baarentuu Gadaa Irraa//
gessogeda@gmail.com
Abbootin irree baayyeen osoo dhaadatanuu, osoo gaafii ummataa qixa sirriin deebisuurra humnaan ukkaamsuun bara bittaa dheereeffachuuf carraaqanu hallayyaa hin deebine bu’aa turan, bu’aas jiru. keessumaa abbootiin irree Afrikaa fedhii fi heyyama ummataa malee qawwee fayyadamanii aangoo humnaan qabatan hundi isaanii jechuutu danda’amaa odoo dhaadatanuu, odoo rorrisanuu irree ummataatin daaraa botoroo
ta’aa tura. Ta’aas jiru. Hundii isaanituu aangoo humnaan qabatan quufnee wallaaluun akka qawween Koran qawween harcahaniiru. Baayyeen isaaniis du’a saree abbaa hin qabnee du’anii hafaniiru.
Wayyaaneen har’a qawween harkaa qaba jettee ummata Oromootti dhaadachaa fi
roorrisaa jirtus kan ishii eeggatu kanuma. Akka rorriftetti hin haftu. Qawwee harkaa qabna, carraa arganneerra jedhanii ummata sivilii irratti roorrisuun, dhaadachuun yoo gaafii mirgaa kaase ajjeesuun, saamuun yakka, sammuu dhabuudhasii. Beekaan gaafii ummataaf gurra laata, dhaggeeffatee deebii barbaachisaa ta’e kenna. Kan akka
wayyaanee garuu gaafii sirrii fi mirga uumamaa ta’e kan ummattoonni biyyattii keessumaa Ummanni Oromoo kaasaa turee fi jiruuf deebiin ishiin waggoottan 26n darbaniif keessumaa ammoo waggoota 2 as deebisaa turte waraana amma funyaanitti hidhate bobbaaftee kaa’imman Oromoo rasaasaan harcaasuudha. Guurtee mana hidhaatti darbuudha. Biyyaa godaansisuudha.
Ummanni humna, ummanni mirga isaaf kaanaan humni ummata dhaabuu hin jiru. Umamnni abbaa irree kamuu daaraa botoroo akkuma jedhamu san akka taasisu shakkiin hin jiru. Murni qawwee qabate kamuu qawwees ta’e holola fayyadamee humna ummataa duran dhaabbadhaan gongumaa waan yaadamuu miti. Jabaan kamuu humna ummataa hin caalu.
Addunyaan har’aa abbaa irree kamiifuu iddoo hin qabdu, jaalalaa fi fedhii malee ummanni bara baraaf bittaa jala qawween jiraatus hin jiru, jiraachus hin qabu. Jiraachisna jedhaniyyuu hin danda’amu. Deemsi fi fedhiin akkasiis waan yeroon itti darbee fi fudhatame hin qabneedha. Humnaan nama ajjeesaa, hidhaa fi dararaa nan bulchaan gongumaa hin danda’amu, yakkasii. Oolee haa bulu malee shakkii malee
seeraanis seenaaniis nama gaafachiisa.
Ummanni gaafa achii dallanee ka’e, qabuuf nama rakkisa. Balaan dhufus salphaa ta’uu baachuu mala. Wayyaaneen har’a yeroon naaf tole jettee ummata Oromoo fi saboota biroo ajjeesaa, hidhaa fi saamaa jirtus boru bakka seentu akka dhabdu ifaa dha. dhiiga dhanagalaaftee fi qabeenya saamteef numa itti gaafatamti. Ammalleen gatii kaffalaa
jirti.
Dhugaan, Dhiigni, cubbuun namaa yoomiyyuu lafatti hin hafu, hafees hin beeku, har’a waan qawween harka jiruuf ajjeesuu, hidhuu, saamuu malu, gochaas jiru. Haata’uutii heddummina qawweetiin, ajjeechaa fi hidhaan bara baraaf angora turuun danda’aan wayyaanee waan dhugoomuu miti.
Gatii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa turtee fi jirtu yeroon itti kaffaltu fagoo hin ta’u. kanaaf ammoo qabsoon amma Oromoon Itti Jiru FXG ragaa guddaadha. Kunoo dhiphuu keessa galchee akkuma abbootii irree kaanii guyyaa badii ishii lakkaawwachaa jirti, Wayyaaneen abbaa irree waggoota 26n darbaniif ummata Oromoo fixaa fi saamaa turte ta’uun eenyu jalaawuu dhokotaa miti. Murni tun yeroo ammaa kana Isa itti turte kana fuunduraafis itti fufsiisuuf akka carraaqaa jirtus Oromoon quba qaba. dhugaan lafarra jiruu fi qabsoon Oromoon Itti jiru garuu gongumaa carraa kana hin laatufii. Itti hin milkooftu.
Ummanni Oromoo amma sadarkaan irra jiru sadarkaa sobaa fi sossobaa, akkasumas dorsisaan qabsoo isaarraa dagamuu fi duubatuu miti. Oromoon keessumaa ilmaan isaa qaqqaaliin diina innikaa waggoota 26n darbaniif ummata Oromoo qorqaa turte wayyaanneerratti qabsoo eegalan yeroo ittuma jabeessaa deeman malee yoo laaffisan muldhachaa hin jiru.
Dhugaan lafarra jiru kan argisiisu Wayyaaneetti xumura gochuuf sochiin walirraa hin cinne, Fincilli XG finiinee itti fufuu dha. Wayyaaneen afaaniin jira, jira jettee haa dhaadattu, haa bookistu malee qabatamaan hin jirtu, bakkaa hiiqxee jirti, qabsoon Oromoo bakkaa hiiksee jira. Har’a labsii yeroo muddamaa baafteen waraana bobbaaftee jiraachaa jirti.
Yoo midiyyaarraa bookkistu, dhaadattu jabaa of fakkeessuuf haa yaaltu, haa hololtu, jabaan ana caalu hin jiru jettee yaa odeessitu malee keessi ishii oneera, sodaan , dhiphuun gutamtee jiraachaa jirti. Dhugana lafarra jirus kanuma mirkaneessa.
Abbootiin irree biyya kam keessattuu amala itti ta’ee yoo xumurra jala gahan caalaatti dhaadatu, jabaa fakkaatanii muldhachuu barbaadu, ni bookkisu. Haa ta’uutii osoo dhaadatanuu, jabaadha ofiin jedhanuu yoo irree ummataatiin hallayyaa bu’an argaa turre, argaas jirra.
Wayyaaneen har’a ummata Oromoo goolaa jirtus carraan ishii kanaan ala hin ta’u. qabsoon eegalame jabaattee itti fufnaan yeroo gabaabaattis hallayyaa bu’uun ishii shakkisiisaa miti.
Murna osoo hallayyaatti gulufaa jirtuu afaaniin dhaadattu, kan keessi ishii burkutaayee fi abdii kutatte tana gulufa ishii kana caalaatti saffisiisuuf wanti cunqurfama ahundarraa eegamu ni jira. Inniscunqurfamtoonni impaayeera itiyoophiyaa keessatti bulchiinsa wayyaanee jalatti mankaraaraa jiran keessumaa ummanni Oromoo osoo hidhaa, dararaa fi ajjeechaa akkasumas holola wayyaaneen gaggeessitu kanaaf iddoo hin laanne qabsoo eegale ,FXG finiinsee itti fufuudha. Eeyyee ummanni Oromoo keessumaa ilmana isaa qeerroon FXG jabeessanii itti fufuudhaan Wayyaanee waggoota 26n darbaniif ajjeechaa, saamicha, fi dararaa raawwataa turte xumura itti gochuun dubbii fardii fi dirqama lammummaati. Falli abbaa irree jalaa bilisa nama baasus kanumaa fi kana qofa waan ta’eef.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…