Categories: Yaada

Abiyoot deemuu qaba!

Hiriira Nagaa, tooftaa haaraa fi moofaa
======#======
Hiriira kaleessaa fi har’a Oromiyaa keessatti geggeeffamee fi deebiin mootummaa ergaa maalii dabarsan?

1. Hojiin Abiy Ahimed caasaa fi qabeenya OPDO fi kan mootummaatti fayyadamuudhaan waggaa tokkoo fi walakkaa ol uummata Oromoo ‘internal diversity’ inni qabu (amantii, naannoo, ijaarsa hawwaasummaa, akaakuu diinagdee fi kkf) gara meeshaa lolaatti jijjiiree walitti deebisuudhaan Oromiyaa diiguuf akka bu’uuraatti fayyadamuuf ka’e akka fashalaa’e agarree jirra;

2. Oromoon ammas akkuma bara ABUT-ADWUI sana gaafa fedhe tokkummaadhaan ka’ee diina of irraa qolachuuf qophii akka ta’e agarree jirra. Gocha kanaanis aggaammii miillana Jawaar irratti aggaamame maqseera, Abiyyiin dabalatee Nafxanyoota naasiseera, firaa fi diinaaf ergaa ifaa dabarseera.

Isaan armaan olii kana lamaan hiriirota bara ABUT-ADWUI taasifaman waliin walfakkeessuu dandeenya. Garuu wanti haaraanis jira.

Mootummaan amma jirtu kun tooftaa moofaa, garuu bifa haarayaan hojiitti hiikamuudhaan mormii uummta Oromoo bifa milkaa’aadhaan ittiin fashaleessuu dandeessu qopheeffattee akka jirtu agarreerra, marsaa kana waan ittiin milkooftellee fakkaatti:

-Mootummaan ABUT-ADWUI duraanii hariiroo dalgaa (horizontal relations) ittiin Oromoo loltu ni haasofti malee hojiitti hiikuu hindandeenye. Sababiinsaa immoo gosoota amantaa fi saboota biroo Oromiyaa keessa jiraatan waliin lola hamaa waan qabduufi. Mootummaan amma jirtu garuu mootummaa Nafxanyaa waan taateef Nafxanyoota Oromiyaa keessa jiran biraa deggersa qabdi, amantii Oromiyaa keessa jiran keessaas hordoftoota Amantaa Ortodoksii Afaan Amaaraa haasa’anii fi Oromoo hindammaqin jiru waliin tumsa qabdi. Marsaa hiriiraa miillana Oromiyaa keessatti adeemsifame kana caasaan tikaa (intelligence) mootummaa jara kana ijaaree hidhachiisuudhaan, akkasumas poolisoota federaalaa fi RIB waliin akka waldubbisaa hojjetaniif caayaa tolchuudhaan bakka garagaraatti tarkaanfiiwwan farra-hiriiraa (conter-protest measures) hiriirtota Oromoo irratti fudhateera. Isa kanaaf haalli Adaamaa, Bishooftuu, Duukamitti dhalate ragaa guddaadha. Inni kun namoota tokko tokko biratti rifaatuu uumee irradeddeebi’anii FB kana irratti akka watwaataa turan agarree jirra. Rifaatuun namoota kanaa dhugaa qaba, tarkaanfiin sun keessoo Oromoo miidhuu waan danda’uuf. Hooggantootni paartilee siyaasaa fi jaarsoliin illee kanuma irra dhaabbatanii hiriira dhaabsisan. Mootummaan Nafxanyaa kun injifannoo yeroo gabaabaa argatteetti jechuu dandeenya.

Egaa mootummaa amma jiru haala kanaan mootummaa ABUT-ADWUI duraanii irraa adda baateetti. Yoo xiqqaate jarri duraa ni yaalti, ni odeessiti malee akkasitti milkooftee hinbeektu. Inni kun tooftaa moofaa bifa haaraadhaan hojii irra oole ta’uu agarra. Abiy Ahimadii fi hooggnaan damee tikaa Dammallaasha G/Mikaa’e maaliif tooftaa kana akka fayyadaman beekamaadha. (1)Ittigaafatamummaa loltoota mootummaa hir’isuudhaan humnoota Oromoo kessa jiraatan ijaaranii, hidhachiisanii ittiin Oromoo injifachuu akka danda’an ergaa dabarsuufi; (2) Oromoon ofitti amanamummaa lamuu ittiin hiriira ba’u dhabee sodaachuudhaan harka maratee akka taa’uufi.

Marsaa kana milkaa’an jechuun garuu yeroo hunda milkaa’u jechuu miti. Akka isaan hinmilkoofneef garuu hojii jabaatu Qeerroo eeggata. Maal fa’i:
(1) Dirreen siyaasaa Oromoo dur akka barbaadetti irratti hiriira ba’u, mootummaa waliin malee hawaasota tokkumaa isaa irratti ‘implication’ qaban waliin akka walitti hinbuunetti sochii taasisu akka jijjiirame hubatanii walhubachiisuu;
(2) Yoo poolisiin Oromiyaa haala amansiisaadhaan nagaa hiriirtotaa eega ta’erraa kan hafe akka duriitti harka duwwaa fi wabii eegumsaa malee hiriira ba’uun kaayyoo hiriirichaa milkaa’ina akka dhowwuu danda’u hubatanii walhubachiisuu;
(3) Diinni Oromoo kan durii irraa jijjiiramee akka jiruu fi lakkoofsaan dabalee akka jiru hubatanii walhubachiisuu. Inni dur jalaa-olee qofa mootummaa waliin qabsaa’an hafee bitaa fi mirgattis bifa qabatamaadhaan diinonni uumamanii akka jiran hubatanii walhubachiisuu.

Kun kan ta’u yoo carraan hiriiraa lammata deebi’ee dhufa ta’e qofa; lammata carraan kun jiraachuu hinbeeknu. Ni jiraata taanaan garuu wantoota kana ilaalcha keessa galchuun murteessaadha. #Abiy_Must_Go

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago