Categories: Oduu Oromiyaa

ABO Fi KFO Bishaan Isin jettan Haa Hojjatuu Jiraatota Magaala Gimbii

ABO Fi KFO Bishaan Isin jettan Haa Kennuu s Haa hojjatus Jiraatota Magaala Gimbii

Magaalii Gimbii erga bishaa qulqulluu dhabidee wagoota 13 darbanii jiru. Garuu wagoota 10 dura projakitiin boola qotee bishaan baasuu tokko hojjii jalqabee ture. Haa ta’uumalee naannon kun haccuucaa addaaddaatifi saxilamee jira bifuma oromummadhaan walqabateen jedhu jiraatonii.Mootumaan wayyanees ija abo fi kfo dhaan nu ilaala.

Gaafii tokko gaafachuu hin dandeenyuu mirgii keenya sarbamaa jira, ijoolleen keenyaa bishaan qulqulluu argachuu hin dandenyee, bishaan jarkaana tokkoo birr 20 binna isaayyuu qulqullinna hin qabu. Namoonii moo bitachuu hin dandenyee km dheera deeman bishaa lagaa warraabatuu kanaankan ka’ee dhukkubbii addaaddaatiin saaxilaminne jira jedhu.

Mootumaatis buliichiinisa aanaati dhimma kana humanuu ilee yeroo gaafa filannoon isanii gahuu sanatti proojakitii kana akka yeroo dhihoo keesatti xumuramee ummataaf tajaajila laatuutti himaama ture. Garuu gaafa filannoon boyyoollesaa dhumee isaniis angoo ofii harka isanii keessa ta’uu baranii proojakii kana addaan kutanii akka hojjatamee ummataafi tajaajila hin kenninee godhanii jiru. Erga fillanoon dhummtee bishaan fii ibsaa dhabinne dararamaa jira jedhujiraatonni.

Deebiin qaama mootummaa wayyanee irraa argachaa jiru, ABOn fi KRO dhufanii isiniif haa hojjatanii bishaan qulqulluu isin jechaa jirtanis isiniif haa hojjatanii maaf nu bira dhufitanii gaafii nuuf dhiheesituu jechuudhaan wajjira isaanii keessa nu baasuu jedhu jiraatonii Gimbii.

Kanumaan wal qabatee manneenii nyaata fi wajjiroonii waldhanaa tokko tokko cufamanii jiru tajaajila gahaa kennuu hin dandenyee rakkoo bishaanifii ibsa dhaan kan ka’ee. Jiraatonis ummata waamanii dhimma kana irrati marisisuuf tataafii godhanii illee itti hin milkoofinnee. Ammas jiraatonnii kun abdii hin murrannee akkuma isaan jedhan abo fi kfo akkaa angoo qabatee gaafii isaniitiif deebii kennuu ummanii yeroo amma kanati wal kakaasafii wal gurmeesaa jira.

Darbeesi moo wajiroota olaana guddaa irra kan jiran hunduu lamii Oromoo otuu hin taanee lamii ykn saba biraa itti muudanii jiru. Kanumaan kan ka’ee Oromoon waan tokko komii isaa dhaggeesifatee akka salphaati idhaafi ajjeechaadhan saaxilamaa jira. Ummata keessati kan gaafiiguddaa ta’aa jiru lamiin Oromoo otuu jiruu maaf saba bira akka bulichiinissa irrati ramadaniif deebii hin arganne.

Alemayehu Tilahun

– See more at: http://www.caboowanci.com/2016/02/07/abo-fi-kfo-bishaan-isin-jettan-haa-hojjatuu-jiraatota-magaala-gimbii/#sthash.LCrEiZyx.dpuf

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago