Categories: Oduu Oromiyaa

ABOn Oromiyaaf Sodachisaadhaa?

 

Durii durii warri Toophiyaa ABOn Toophiyaa diiga ja’anii nurratti olola oofaa turan ni yaadatama. Mootummaan TPLFs akkasumatti yaada habashoonni Oromoo irratti oofaa turan san fudhatanii rakkoolee keeysa keenyaa qoratanii akka ragaatti mootummoota addunyaa ittiin amansiisaa jiru.

Sababoota kanneen keeysaa Oromoon akka Oromoottu wajjiin deemuu hin dandeenye akkamitti biyyaan/sabaafii sablammii biyya Toophiyaa keeysa jiraatun deemuu dandahu jechuun olola gurguddoo ittiin saba keenyaafii deggartoota bilisummaa Oromoo hamilee  cabsuuf galgalaafii ganama hafarsaa jiraachuun nama ijaafii gurra qabu hundaaf ifaadha. Garuu ABON waan kana dhugumaan godhaa jiraa moo ololuma diinootni keenya nurratti oofaa jiran qofaa?

Mee wantoota diinonni keenya akka dadhabina keenyaa godhanii itti nuttiin duulaa jiran kanaaf maaltu karaa bane, akkuma beekkamutii ummanni Oromoo osoo ABOn hin jaaramin ykn hin uumamin dura Oromummaa isaanii irratti akka  eega ABOn jaaramee kanatti wal quba hin qaban ture garuu tuniis  bara 1970 irra hanga bara 1998 ummata tokko kan biyya takka afaan aadaa heeraafii seera sirna gadaa waliin qabu tahuudha wal barsiisee ture.

ABOn jaaramuun uummata Oromoo dhabama irraa hanbiseeti Oromoofii Oromiyaa addunyatti beeysisee tun dhugaa diinaafii fira birattiis ifee cululuqee mul’atu waan taheef namuu haalu hin dandayu, haatahuu malee ABOn eega jaaramee kaasee rokko garaa garaatiifii shira qabsoo keeysatti hojjatamaa ture hin qabuu jechuumiti, osoo rakkoofii shirri garaagaraa keessa jiruutu maa wal dandeeysisee hanga bara 1998 deemaa ture?

Bara 1998 kora hatattamaa godhameen HDABO Galaasaa Dilboo irra gara Dawud Ibsaati jijjiramuun qabsoo bilisummaa Oromoo fulduratti furgaasuun hafee gara balaa oomishuutti taarkanfate. Bara 2002 hanga 2004tti gareen ABO cehumsaa maqaa moggaafatee gad bahee waraana bilisummaa Oromoo addaan qoodee wal lolchiisee dhiiga waliitiis gannaquufii lubbuu wal baasuu jalqabe. WBO cinaan tokko akka qabsooo gananii diinatti harka kennatan godhe. Yeroo tana WBOn garee ABO QCtin Hoganamtu achumatti akka lanbaa gaaza fixateeti kushuuftee hafte, garuu hogganooni QC abdii osoo hin muratin gara aangoo isaanii tan duritti deebi’uuf qilleensarraan qabsoo itti fufan.

Hunda caalaa gara interneetiitin namoota hanga tokkofii barruu garagaraatiin akka ummanni isaan irraa dubbatan godhuudhaan waan aangoo malee wanti qabsoo bilisummaa irraanfatamte. Kanaaf Oromoon gaddaa osoo jiruu madaan madaa irratti dabalamtee balaa tan dur caaltu baadhattee dhufte tandur qacacaa meedhaaphu jettee bara 2008 asbaate tandurii warra kutaa takkatuu aangoof qabsoo keessatti/ABO irratti wal lolaa jira jechaa turre, gaafana haalli tan duriin gargar taate dubbiin maaltu tahe dhiiroo? walumaan hin beeynuu ree uummata Oromoo keessaa akkaan guddaa tahe ykn kutaa lamaatu akkuma jiruun ABO keessaa ABOn nuhi jechuun gad bahan.

Hubadhaa guyyaa ABOn itti Oromiyaaf sodachiisaa tahuu isaa itti mirkaneeyfate guyyaa kana. hahaha warri duraan ABO  garee Ceehumsaa ifiin je’ee bahees akkuma jirutti jira, wanti garee ceehumsaatiin jechaa turan arraas numa ja’ama garuu Caphni ABO kan bara 2008 adda wanti  isa godhu  bara 2004 kan tahee warra kutaa tokkootu bolola aangootiif addaan caphe jechaati turre. Warri keeysa beeku hayye eega ABOn amma 3sadi tahuu isaati hubadhaa.

Wanti nama dhibu hundi warra QBO Oromootiif mana bahan tahuu namuu shakkii irra hin qabu ture, hanga kun hundi hin dhufin maaltu ABO lama Godhe? gaafii ilmaan Oromoo beekufii baruu dadhaban taate osoo jirtuu yeroo AOB sadaffaa tan kutaa lama irraa jaaramte asbaatu hoo maaltu ja’amee dhiiroo??

Namuu ni yaadata natti fakkaata yeroo itti magaalaan oowitee gama gamanaa shaashaa jettu san ABOn garee shanee anaatu ABODHA ……qis qis qis..ABON garee QC anaatu ABODHA…… qis qis qis .. ABON garee JIJJIRAMAA anatu ABODHA  hahaha jechuun hundi osoo  waan diinni nurratti hojachaa jiru beekanii paltalkifii meedialee garaa garaa irratti bahanii bookisuu jalqaban.

Amma karaan hanga dur caalaa diina kenyaaf baname hin jettanii ree, WBO jiruus kaan ija shakkiitiin laaluu jalqabe, kaaniis isin keenya koottaa nuutu isinitti haqa qabaan faarsuufii itti dhaqanii dawachuun WBO shoorakaa dhumii hin qabne tan bakka itti deemtuufii irraa deemtu hin beeyneen if  wal laalchisani akka diini laaftumatti isaan harka kennachiisu godhan. Tanaaf eentu itti gaafatama fudhata dhiiroo, yoom gaafiin tun deebiti??? mee tan tanaa ittuma dhiisa tun qacaca ABO akkamitti OROMIYAAF Sodachiisaa tahee hin jettani sa? Yoo if sobne malee Oromoon takkaan hafteeti jirti, maalif osoo ijaan garuu if sobna! Oromoon akka dhaabaati wajjiin deemuun hafnaan akka hawaasaatiillee walitti dhufaa hin jirtu tun addaan fagaachaa deemuu keenya wanti nuuf mirkaneeysu mallatoolee hanga tokko kaasuun ni dandayama.  Eega bara 2008rraa jalqabnee hanga arraati wal gahiilee qabsoof godhamtu adda addatti godhachaa jirti, tun namuutiifu ifaadha.

Biyya takka keeysatti hawaasni Oromoo Oromoo fakkaatee waliin jiraachaa hin jiru. wantoonni wal dhabbii Oromoo hafreeysaa jiru tokko aadeemsa warra qabsoo bilisummaa Oromoo hoggananiiti tuniis malii yoo jettan akkuma beekkamutti ABOn garee shaneetiifii ABO QC bara 2014 yeroo waliif galan ABOn garee shanee gumii Saba Oromo ABO garee QC kan aangoof jechaa qabsoo jeeqaa jiru aangoo qooduuf dirqame akka jaarmayaati fudhatteeti aangoos wajjiin qoodattee walii galan hubadhaa ABOn garee QC waraana tokkollee hin qabuu badii balleeysees hin qabu ammoo wantii hubachuu qabnu gareen lachuu badii hin qabanii badiinis idduma isaanii san jirti silahuu namni gaafatuu dandahu wahi jiraa sa?

Mee afaa eentu bakka gadhiisaaf bakki isaan barbaadan hoo tami bakka hayyu Dureeti moo Itti aanaadha? Yoo bakkuma hayyu duree nungaafanne tan itti aanaa rakkoo hin qabdu tun laaftuumii warra aangoof bolola hin qabneetu jiraa yoo bololaniis humaa hin fidnii Bultumiin nagayatti jechuuni ja’anii waliif galan. Jarriniis gaafana aangoof bololuu isaanii ummata Oromootiif ifatti mirkaneeysan aangoo itti aanummaa arkannaan osoo hafuura hin baafatiin waliif galtee mallatteeysan. Eega ifii walii galanii booda ABO garee jijjiiramaatiifi dhabbiilee biraa seera itti tuman tuniis akka namtokkeetti  ABOtti miseensoomuu nidandeeysu akka jaarmayaatti nuti isin hin beeynu ja’aniin kkkkkkkkk.

Tana qofaami ABOn gaafuma dura addaan bahan sanuu nutii warra iccitii teenya baasee diinaaf kennaa tureetu qabsoo keessaa nurraa bahe malee Oromoomiti jechuun osoo hin qaanfatin lallabaa turan, garuu nuti Oromoon gaafa wajjiin qabsoo godhaa turre hin milkoynee arra sabni qabsoo teenyaaf morteeysoo tahe kun nuun adda bahee nuti akkamitti  milkooynaa? tana abbaa marqeetu akka itti nyaatu beeka jitti Oromoon qis qis qis.

Amma hoo eeysa geenye yeroo ammaatanatti akkuma media garaa garaatiifii sabqunnamtii hawaasaa irratti arkaa jirru garaa garummaan ilmaan Oromoo addaan faffagaachaa jiraachuu isaati,  fakkeenyaaf waan dargaggooni Oromoo kan akka Ahmed Bosona baale Bonsaa Margaaitti jiran dhageefadhaa FB irratti. Gama jarmayaatiin hoo maaltu tahaa jira???? Taantu taan daranii akka ja’an sanfakkaati hahahahah, akkuma yaadattan sababaa  wallisaa Kadiir Martuu  irratti olola oofee amaareysee jechhuutiin  Dargaggeeysa  maqaan isaa Birraa Gammadii ja’amu SBOn Oromomummaa isaa irra mulqamte   kkkkkkk garuu maaltu itti anee?

Eega dubbiin media jaaramayaatiin olola wal’irratti oofuu taate eentu eenyuu gadi ree nutiis Gadaa TV qabnaa bar cuulifachoo hahahaha tiyyaatu bishaan bahaaree jechuun warri Gadaa tv osoo Birraan keenya maalif inni Kadiir martuu amaareyse hin ji’iin suduudamaan Birraa Gammadii Oromeeysuuf amna eegalan telefoona qalawu godhuun gaafiifii deebii eegalan mee Birraa Gammadii eenyu gostii tee eenyu lakkawadhu eeysatti dhalatte naannoo itti dhalatte eenyuaaftu qubata???

Hayyee asgeeyse dubbiin mee isin hoo maal jettu garam-deemaa jirti tokkummaan Oromoo??? If gaafadhaa Oromoon hundi eega gosa lakkawachuu jalqabnee booda osoo beeynu diina keenyaaf karaa banuun keenya masterpilani tigreen nurratti hojjachuuf sagnteeyfatte san dursinee hujii irra akka oolchaa jirru tilmaamuun nama hindhibu. Hundaafu karaa lama kan akka laga mormor baqayfamee deemaa jiru haalduree tokko malee daddaffiin cufuun waan warra qabsoo bilisummaa Oromoo hooganaan irraa eegamutaha yoo san hintaane ABOn diigamiinsa Oromiyaatiif karaa banaa jiraachuu isaa Oromoon hubatee akka waan dandahamee hundaan rakkoo deemaa jirtu tana iffirraa fala itti godhuun dhaammadha.

waan dubbiftaniif galatomaa hanga yeroo biraa walitti deebinuu ngy turaa jenna.

Qilleensa Oromiyaa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago