Categories: Oduu Oromiyaa

Afrikaa Kibbaa Keessatti Guyyaan WBO Sirna Howwaan Kabajame

Amajjii 13, 2015

Bakka bu,oonni jaarmayaa ABO Kutaa Afrikaa Kibbaa konyaalee garaagaraa kan akka Konyaa Cape town,Konyaa Mpumalanga,Konyaa Gauteng fi Konyaa Zulu Nata irraa irratti argamuun dhaamsa fi yaada isaanii kan QBO gabbisuu fi jabeeysu dabarfatan.

Sagantaan Teenya akkuma Aadaa teenyaa Eebba manguddootaatiin eegallee Yaadannoo Qabsaawoota QBO irratti wareegamanii fi Faaruu Alaabaa,

Ibsa Dhaabaa fii seenaa Guyyaa WBO fi Amajjii,Maalif akka kabajuun barbaachisee fi yoom akka eegale,
Draamaa Haala yeroo ammaa mootummaa Abbaa irree wayyaaneetiin Ummata oromoo irratti geggeeyfamaa jiru agarsiisu,

Agarsiisa WBO fi QEERROO bakkuma jirrutti akka Draamaattii Qopheessine agarsiisuu fi Gumaacha Addaa gaafachuun tinnisa WBOf argamsiisuu fi Caalbaasiin wal booharsuutu ture.

Marii Hawaasaa fi Gaafiif Deebii,

Dhumarratti Eebba Manguddootaa fi Gammachuu guddaan hirmaattoonni wallee warraaqsaa tan WBO fi Qeerroo sirbuun galgala irraa hamma sa,aa takkaatti gammachuu fii Gadda itti dhagahame sirbaa fi geerarsaan ibsachaa turan.

Buusii Addaa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu fi WBOf jecha haatti uumata irraa maddee qabsoof galii ta’ee jira.

Gama biraatiin T/shaartiin gurguramee bahii guyyaa saniif ooluus kanumaan hubachiisuun barbaada.

suuraaleen qabnu kunoo asitti isiniif fee,een jiraa garuu Suurlaalii ykn Vedio sirreesinee guyyaa lama keessatti isiniif ergina.

Dhuma irratti Miseensoonni fi Deeggartoonni ABO Ibsa Ajjenoo armaan gadii kana baafachuun milkiin xumuran,

  1. Dhimmoota tokkummaa Oromoo fidanii fi tiksan jabinaan irratti hojjachuu,
  2. Faaydaa fi Sadoo Oromoo fi Oromiyaa akka jaarmayaatti tiksuuf wareegamaa fi dadhabbii barbaachisu hundaaf if wareeguun kafallee tiksuuf waadaa keenya haaronfanna
  3. Aadaa,Seenaa fi Rakkoo Ummanni Oromoo  Biyya teenya Oromiyaa keeysattii fi Eega biyya irraa humnaan Godaansifame irra gahaa jiruu fi QBO Qabu hundaa biyya keessa jjirru kana Waajjiraalee Mootummaa fi Dhaabbota Mirga namoomaa hundaa barsiisuu,
  4. Barri 2015 kan gamtaan,Jaalalli Oromoo itti mirkanaawee gadaan gabrummaa itti xumuramu tahu godhuuf jabinaan ni hojjanna.
  5. Hundaa Caalaa Qabeenya,Humna fi Yaadaan WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo biraan dhaabbachuun QBO akka finiintee shaffisaan galma geessuu taasisuuf qooda keenya kennuu dha.
  6. Akka jaarmayaa ABO Afrikaa Kibbaatti Milkiilee fi injifannoo Jaamayoleen keenya Mooraa QBO gabbisanii qabbisuuf suduudaan irratti gamtaan fuula deeffachuuf godhaniif gammachuu nutti dhayame ibsachaa bakka jirru hundatti dhaloonni Oromoo waan tokkummaa fi jaalala oromummaa oromoo jabeessu irratti akka hojjatan kabajaan gaafanna.
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago