Categories: Oduu Oromiyaa

AJJEECHAAFII HIDHAAN AMMAS ITTI FUFEE JIRA

Motumman Ethiopia ummata nagaa mana itti diiga nagaan bahee akka hin jiraanne gochaa jira. Mootummaan abbaa irree kun ji’a tokko keessatti magaala Finfinne keessati ummatoota irrati mana irrati diigee ummata dararaa turuun isaa ni yaadatama. Ammas haaluma wal fakkaatuun magaala Finfinne gara garaa keessati rakkoo wal fakkatuu raawwachaa jira. Jeequmissa kanaan wal qabatee lubbuun namoota hedduutu du’aan boqotee. Mana ummata nagaa sababa seeraan ala ijaaraman jedhuudhaan 3,000 oltuu irraa diigamee. Manootiin amma kanaa gaafa seeraan ala ijaaraman essaa akka ture hin beekamuu. Amma moo yeroo gannaa bokkaan roobaa jiru eeganii ummata kana daa’iima isaanii wajjin dararuun bayyee nama gaddisiisa. Kana qofa illee mitti qabeenyaafi diinagiddee biyyatiin qabiduu fi lbbuu ummataa kana irrati mootumman kun qoosaa akka jiru beekamaee jira jechaadha.Kun moo otuu kanaan jiruu ammas mootumman wayyanee guyyaa hardhaa Harargee bahaa MagaalaAawwadaay keessati daa’imma wagaa 10 hin guunne irrati rasaasa dhukaasee akka ajjeessaa jiruufi maddeesa jiru beekamee jira. Sababiin ijoolle kana rasaasan dhahani ajjeesaniif hin beekaminnee tarii akkuma baramee sababa Oromo ta’aniif ni mala jedhamee yaadama. Sababa kanaan fi gaafii abbaa biyyuumaa ittin wal qabatee karaan gara naanno sana geesuu cufamee jira. Manootin nagadaa addaaddaa ibiddaan gubachaa jira. Ibidda kana dhaamsuuf tataafiin gara mootummaatin godhamee tokko ille hin jiru. Waluumaa galatii haalli Naannoo Harargee fi DireeDawwa jiru bayye cimaafi yaaddessa dha yeroo amma kanatti.Mootumaan wayyanees yeroo ammaa kana ummata Oromia keessa jiran hundaa sochii adda ta’een ajjeesa,hidhaa fi rakkoo addaaddaatin saaxilaa jira. Ji’a darbee irra kaasee Magaala Shaashamaneetin halkan walakaa dukkana gaaddefatanii ummata nagaa akka ajjeesa akka turan ni beekama. Ammas haaluma wal fakkaatuun sochii akkasii raawwachaa akka jiraniidha. Darbee moo namoota tokko tokko qabanii bakka faggoo geessanii akka raraasanii ajjeesani irra gahamee jira. Kun moo kan agarisiisuu ummanni Oromo amma danda’ameeti karaa danda’ameen ofi qopheesee mootumma kana ofi irra folqee garagalchuu qaba. Sana ta’uu yoo baatee tokko tokkon ummata Oromo fixuuf deemaa jira.
Caboowanci irraa kan argannee galatomii A Ulfaadhu yeroo hundaayyuu sin hordofaa july 1/7/2016 Alemayehu Tilahun abbaa maarsariti caboowanci galata qabda

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago