Categories: Oduu Oromiyaa

Aministii Intarnaashinal Itoophiyan Namoota Feesbuukii Irratti Waan barreessan Sababa Godhattee Hiite Gadhiisuu Qabdi Jedha

Dubbii himaa Samayaawii Partii han ture, Obboo Yoonaataan Tasfaayee “ergaa Adda Bilisummaa Oromoo Feesbuukii irratti oggaa geggeessu argame,” jechuudhan himannaan irratti baname. Yoonaataan, mormiin Oromiyaa keessatti ji’oota shan dura ka’e akka itti fufu maqaa Feesbuukii Yoonaataan Tarreessaa Raggaasaa jedu fayyadamee hojii shororkeessummaa hojjachaa tureera jedha, himannan irratti baname. Hidhamee ji’a afur booda torban darbe mana murtiitti dhihaatus, abboottin seeraa guutanii waan hin argamneef, bellamni mana murtii caamsaa 23 bara 2016tti qabameera.

Dhabbanni mirga dhala namaatii falmmu, Amnistii Intarnaashinal garuu himanni kun waan hinjiree irratti hundaaheti jedhee, mootummaan Itoopiyaa hatattaman nama beekaama fi siyaasaa kana dabalatee, namoota yakka wal-fakkaatun himataman akka gadhiisu gaafata. Daayreektariin damee Aministii Intarnaashinal Gaafa fi Baha afrikaa, Mutoonii Waanyeekii, “mootumman Itoophiyaa namoota yaada isaanii morman hunda hidhuu fi shororkeessummaaadhan himachuu ittuma fufeera” erga jette booda, “Yonaataan Oromiyaatti lafti sammamaa jirachuu barreessera. Kunimmoo balleessaa mitti; Shororkeessummaa ta’us hin danda’u.Yoonaataan Adda Bilisummaa Oromootin waan walitti isa fidu tokkoohuu natti hin mullaatu,” jetti. Mutooniin dabaltees, himannaan akkanaa kun mootumman seera shororkeesummaa baase, han rakkoo guddaa qabu kana hojiirra olchuudaa waan hudda yaalaa jirachuu agarsiisuu ibsite.

Karaa braatin hoogantoota Aandinet paartii duraanii keessaa tokko han ta’an Daani’eel Shibashii fi Samaayaawii paartii keessaa Yeshiwaas Asaffaa guyyaa harraa mana hidhaatii bahan. Obbo Abrahaa Dasta ( qama hoogansa Aranaa Tigraay han turan), Adoolessa 8 bara 2016 hidhaa dha baha jedhamee eggama.

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago