WASHINGTON, DC — Godina Walaggaa dhiyaa magaalaa Mandii keessatti har’a ayyaana waggaa 26ffaa hundeeffama dhaabbata dimokraasummaa uummata oromoo kabajamaa ture irratti mormiin ka’uu isaa jiraattonni magaalattii nuuf ibsanii jiru. Barattoonni mana barnootaa Abdii borii jedhamuufi kan giddu galeessaa galma ayyaanni kun keessatti ayyaaneffatamu cina dhaquu dhaan mormii isaanii dhaadannoo dhaa fi sirbaan dhageessisaa turan jedhu jiraattonni.Jiraataa magaalaa Mandii obbo Hundumaa obsaa haal har’a uumame nuuf ibsaniiru.
Jiraattonni magaalaa Mandii akka jedhanitti dargaggoonni mormii qaban dhiyeeffachuuf galma wal ga’ii OPDO dhaquu dhaan dhakaa darbaa, dhaadannoo dhageessisaa turan. Korri bittinneessaaf humnootiin Federaalaas bobba’anii ijoollee kana hanga ganda keessaatti faana dha’anii reebaa kan argatanis qabanii mana hidhaatti naqaa turan jedhan.
Uummati Oromoo dhiigi ilmaan isaa dhiigi dhangala’aa kaan hidhaatti kaan immoo achi buuteen dhabamee utuu gadda irra utuu jiru ayyaana ayyaaneffanna jedhanii ba’uun hanga dhiiga ilamaan keenyaa dhuganii ti jechuu dhaan aarii dhaan dubbatu jiraattonni kun.
Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalaa Mandii Inspeekter Sandaabaa Fufaa garuu ayyaanni kun nagaa dhaan xumurame. Uummatis ba’ee ayyaaneffatee gale jedhan. Reebichi hidhaan raawwatame hin jiru. Mormii kan jedhames ijoollee mana barnootaa sadarkaa duraa kanneen 15-20 ta’antu daandii irraa wacaa ture. Isaanis namni itti bu’e hin jiru. Nagaan manatti galaniiru jechuu dhaan komee jiraattonni dhiyeessan kana haalaniiru.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…