Kaayoon kallachi ayyaana kanaa, qabsoon bara 1960’mootaa Baaletti jalqabamtee achirraa kutaawwan heddu walgeette, qooda seenaa sochiiwwan bilisummaa Oromoo keessatti qabdu ifatti baasuudha. Seenaa qabsaawota barootaa saniitillee tooftaa teknooloojii ammayyaatiin galmeessanii dhaloota dhaalchisuun immaammata guddaa ayyaana kanaati.
Ayyaanni kun, qabsaawota kufan yaadataa kanneen lubbuun jiran irraa seenaa qorata. Seenaan qabsoo Oromoo martinuu walitti hidhata qaba. Kanaaf, qabsoowwan kanaan dura turaniifii kanneen san boodarrallee dhufan walitti qabanii dhiheessuun galmee seenaa gabbisa; hundee itti fufiinsi qabsoo irraa madde illee mul’isa. Saniif, seenaa baroota dhibbaatiin walsimachiisanii himuun barbaachise.
Qabsaawota, manguddootaafi hayyoota rraa koottaa seenaa: Aanole-Azuule, Calii-Calanqoo, Lola Dhoonbir, Sochii Afran Qalloo, Lola Raayyaa-Azaboo, Sochii Waldaa Maccaa-Tuulamaa, Lola Soowraa fi kkf dhagayaa.
Hagayya 9 – 10/2014 : Sanbata (Saturday) 9wd – 5wb
Dilbata (Sunday) 9wd – 9wb
Bakki: Hamline University, 775 Snelling Ave North, St, Paul, MN 55104
Akka sirna kanarratti nuu argamtan kabajaan isin afeerra.
Koree Qopheessituu Ayyaanichaa
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…