Categories: Oduu Oromiyaa

Baqataan Oromoo Biyya Baqatetti Gara Jabinaan Ajjeefame.

(Oromedia, Onkoloolessa 30, 2013) Waggoota arfan darabaniif biyya Afrikaa Kibbaa, magaalaa Juhaanisbargi keessa jireenya baqattummaan jiraachaa kan ture Mahaammad Amiin Sulxaan namoota 15 caalaniin akka malee reebamee ajjeefamuun gabaafame.

Oduun karaa hawaas-qunnamtii darbaa jiruu fi booda irra gaazexaa biyyattii tokko irratti ifatti maxxanfame akka mul’isutti, ilmi Oromoo maqaan isaa Mahaammad Amiin Sultaan kan umriin isaa naannoo ganna 30 keessatti argamu haala suukkanneessaadhaan dhagaa fi uleedhaan tumamee ajjeefameera.

Reeffi baqataa kanaas haala safu-maleeyyii ta’een akka sareetti dirree irratti gatamee suuraanis kaafamee marsaalee irrattinaanneffamaa fi maxxanfamaa jiraachuun immoo kan hunda caalaa nama qaanessuu fi saalfachiisu ta’uu maddi oduu keenyaa mirkaneessee jira.

Aadaa fi seera gulaalaa Oromediatti reeffi namaa haala suukkanneessaa ta’een suuraanis ta’ee viidiyoon waraabamee hin mul’ifamu. Haata’uutii, gochaan kun seera-dhabeenymmaa fi gara jabeenyummaan kan dalagame ta’uu haaluun akka hin danda’amne Oromedian mirkanneessee jira.

Keessayyuu, baqataan seeraan jaarmiyaa baqattummaa addunyaa jalatti galmaayee jiruu fi waan seerri biyya isaa dahoo isaaf hin taaneef, biyya itti hirkannaa argatee jiru keessatti guyyaa daalacha dhagaa fi dullaadhaan tumamee ajjeefamuun seera duratti bifa fedheenuu kan fudhatama hin qabne ta’uu kan eeran madden keenya mootummaan Afrikaa Kibbaa gochaa kana hatattamaan akak qoratu gaafatanii jiru.

Oromiyaa keessaa godina Kibba Bahaa, Baale, Agaarfaa ganda Sheek-Irboo jedhamutti kan dhalate Muhamed Amiin, eega Afrikaa Kibbaa seenee seeraan hojjatatee jiraachuu malee, takkaa yakka fi gocha badaa tokko irratti hirmaatee akka hin beekne hiriyooti isaa ragaa bahaa jiru.

Maddi keenya Afrikaa Kibbaa dabalee akka gabaasetti, Muhammed Amiin Sulxaan rakkoo bilisummaatin biyyaa abbaa isaa keessaa baqatee South Africa keessa seenuun dahoo UNHCR jalatti galmaa’ee baqattummaan kan jiraachaa turee dha.

“Haala kanaan otuu seeran jiraatuu Sanbataa darbe Johannesburg South Africa keessatii, ummata guraacha biyya sanaafi poolisiidhaan dhagaadhan reebamee lubbuun isaa akka darbu godhame,” kan jedhe maddi keenya gochaan bineesummaan walfakkaatu kun yerioo raawwatamuttis ta’ee ergasiin booda suura fi Video dhaan akka waraabame mirkaneessanii jiru.

Suuraan kan yeroo ammaa marsaalee hawaas-qunnamtii irratti naanneffamaa jiru kun kan ummata ajjeechaa baqataa Oromoo kana ragaa bahan irraa akka argame kan mirkaneessan maddeen keenya, ajjeechaan baqataa Oromoo kun saamichaa fi jibbinsa waliin kan walqabatee ta’uu illee dabalanii ragoomanii jiran.

Poolisiin biyyattii garuu samaicha kanaaf dahoo ta’uun ajjeechichaaf sababaa biraa kennaa akka jiru kan ibsan maddeen keenya, “yakkuma fedhe iyyuu otuu raawwatee seeraan malee seeraan ala guyyaa daalacha yeroo dirree irratti tumamee ajjeefamu callisuun irra hin turre ture,” jedhaniiru.

Maddi keenya,kana malees, baqataan Oromoo kun yakka tokkoon alatti dhagaa fi uleen tumamee, haala nama suukhannessuun ajjeefamuun alattis akka yaala hin arganne dhoggamee dhiigni isaa akka malee dhangala’uun akka lubbuun isaa darbu taasisamuu illee mirkaneessee jira. Oromedian dhimma kana poolisii Afrikaa Kibbaa irraa qulqulleeffachuuf yaalii godhus deebii argachuu hin dandeenye.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago