#OromoProtests HUBACHIISA: Odeeffannoo godinaalee adda addaatii dhufaa jiran akka agarsiisanitti, barattootaafi hojjattoota mootummaa jidduutti walshakkii uumuun akka tarsiimoo muummeetti kaayamee jira. Inni basaasa, inni ABO, kaan ammoo OPDO jechuun olola walirratti oofsisuun mormii tokkummaan dhagayaama jiru keessaan laaffisuuf tarkaanfin eegalee jira. Tooftaa diinaa kana bilchinaan irraa aanu qabdan.
1) Gaafin ka’e gaafii murna tokkoo ykn ilaalcha gama tokkoo kan laallatuu miti. Dhimma dantaa bu’uraa saba Oromoo maraati ( fundamental national interest). Kanaaf gaafii kanatti murni abbaas ta’e amba itti ta’u hin jiru. Kan qabatamaan mul’atees Oromoon, qondaalota mootummaa dabalatee, sagalee tokkoon mormuudha.
2) Diinnii yoo rasaasa isinitti roobsu ati nutti aanta, isiin achi aanti, inni murna kana, kuun murna keenya hin jenne. Rasaasaaafi ulee Oromoo hundarratti roobse. Warra ajjeefamaniifi hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa namoonni mooraalee yunivarsitii keessatti amma dura ifatti mootummaa deeggaruun beekaman akka jiran ragaa gahaa qabna. Kanaafu Wayyaanenuu ija diinummaa takkaan isin laalti, deebin keessanis ija sabummaafi obbolummaa takkaan wal laaluu qabdan.
3) Kana hoggaa jennu namoonni gaaga’ama kanarraayis osoo hin baratin meeshaa diinaa ta’anii itti fufan ni dhabamu jechuu miti. Karaan balaa jara akkasii itti fashaleessan, jarjaraan namoota hamachuufi balaaleffachuu dura suuta of eeggannoon duubbeefi sosochii isaanii qorachuun adda baafachuudha.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…