Categories: Oduu Oromiyaa

Barattootii Yuniversitii Finfinnee Hardha Embaasii Amerikaa Duratti Hiriira Bahan

Baratooni Yuniversiitii Finfinee mormii harra ganama Finfinneetti bahaniin akka poolisiin mootummaa barattoota gaafii master pilaaniin wal qabate gaafachuuf bahan irratti tarkaanii hamaa fudhacuu dhiisan gaafatan.

Hiriirii kun ka baratootii waggaan duratti jalqaban.Karoorii mootummaa akka gabaasa New York Times irratti bahetti lafa qonnaan bultootaa naannoo Finfinnee jiranii irratti wa ijaarsisa.

Karootii kun rakkoon waggaa kurnya hedduu keessatti arganii hin beenne ummata keessatti uumete.Akka dhaabii mirga ilmaan namaatii falmuHuman Rights Watch jedhutti hiriira sun irratti nama 200 caalaatti lubbu dhabe.

Bulchootii mootummaa ammoo lakkoofsii nama lubbuu dhabee akka malee diqqaa jedhan.

Itoophiyaan akka gabaasa kanaatti biyya hiyyeettii dinagdeen isii guddoo guddachuutti jirtu keessaa tokko.Taatulee qonnaan bultoota lafa isaanii irraa kaasuun rakkoolee gugurdoo nama rakkisan keessaa tokko.

Bulchootii Itoophiyaa karoora master pilaanii kun haqame jedhanillee hiriirii kun waluma jalaan dhufaa hardhallee barattootii Yuniversitii Finfinnee gara balbala embaasii USA,Finfinnee jiru dhaqanii barreeffama:Nuyi warra biyya nagaa dhowwuu miti.Ummata Oromoo fixuu dhaabaa,” jechaa hiriira bahan.

Hiriirii akkanaa kun Itoophiyaa,biyya poolisiin nama hiriira bahe humna guddaan itti dhuftuu fi mootummaa nama cunqursutti baayyee hin mullatu.

Tana irratti deebii gama mootummaatii hin arganne jedha gabaasaan oduu tanaa.Muummeen Minsitera Itoophiyaa, Hayilee Maariyam Dessaalenyi rakkoo Oromoon himatan irratti dubbachuuf waadaa galullee paartii riphee lolaatti jeequmsa uume jedha.

Paartiin mormituu ammoo poolisii biyyatii balleessaan himatan.Barataan sodaa jedhee maqaa ufii himachuu hin fedhan tokko akkana jedhee gaazexeessotaa Rooytersitit hime; “Wantii baaneef rakkoo naannoo teenna keessa jirtu dubbachuuf.”

Tana maleellee, “Akka hiriirii ka nagaa tahe agarsiisuuf wayaa adii argufaa baane poolisiin garuu nu dhaanuutti dabree,” jedha barataan kun.

Akka dhaabii mirga ilmaan namaa New York, Amerikaa jiru jedhutti warrii ji’aan duratti innii dubbise Sadaasa dabre hiriira bahanii qabaman akka malee dhaanamanii mana murtiillee hin geeffamne.

Gabaasii kun dubaratootii gudeedamanii haala hamaan qabaman jedha. “Gurbaa umrii 18 elektirikiin faana isaa guban,”jedha.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago