Categories: Yaada

Biyya Arabaa, Ruuzii fi Oromoo

***************************************
Dursee iccitii tokkon isinitti himaa dabarsitanii ormatti hin himinaa. Iccitichi kunooti: Ani Facebook fayyadamuu hedduun jaalladha. Maaliif yoo jettan sababa lamaafi. Tokkoffaa, Afaan Oromoo barreeffamee argamu hedduminaan Facebook irratti malee bakka biraatti hin argadhu. Lammaffaa, lammii Oromoo hedduu Facebook irratti malee bakka biraa kanaan itti arguu danda’u hin beeku. Sababni kunneen gahaa miti yoo jettan kan biraa isiniifan dabala.

Gara ijoo dubbiittan deebi’a. Maal akka ta’e hiraanfattan yoo ta’e, waa’ee Biiya Arabaa, ruuzii fi lammii Orimooti. Darbee darbee lammiiwwan Oromoo Biyya Arabaa jiraatan “jara Biyya Arabaa jiraatanii ruuzii quufan” maqaa jedhutu itti kennama. Kun dogoggora daangaa hin qabne ta’ee natti muldhata. Ani Biyya Arabaa hin jiraadhu, garuu ruuzii ittoo mi’ooftuu wajjin yoon argadhe, hamma handhuurri koo bakka dhokattee dhiibamtee as baatuttan nyaadha. Gaaf gaaf, shamizii koo urtee ifatti bawuu yaalti. Kanaaf nama arrabsuu barbaaddan, anas dabalatee, waan feetaniin arrabsaa malee ruuzii koo na duraa hin tuqinaa. Maal waansaa, mee natti himaa: nyaachuun quufuuf edda hin taanee beela’uufii?

Gama biraatiin akaakuun nyaataa hedduun otuu jiruu maaliif ruuziin koo kophaatti baafamtee arrabfamti? Maaliif warra biddena nyaatu, foon dheedhii nyaatu, bargarii nyaatu, otongora nyaatu, marqaa nyaatu hin arrabsine? Arrabsoon erga hin hafnee jechuu kooti. Ruuziin maal balleessite? Irraa bu’aa.

Oromoo nyaataan qoqqooduun kun yookaan wal’aalummaarraa madda, yookaan gochaa diinni ummata Oromoo addaan qooduuf hojjetu ta’uun isaa hubatamuu qaba.

Waa’ee lammiiwwan Biyya Arabaa jiraatanii waa xinnoo dubbadheen xumura. Hiriyoota Biyya Arabaa jiraatan hedduun qaba. Akkuma nama hundaa ija lama, miilla lama qabu. Gaafaaf eegee hin qabani. Maatii qabu, hawwii qabu. Hawwiin isaanii kan kootiif kan keessan irra adda miti. Biyya akka lubbuu isaanii jaallatan qabu, garuu gidiraatu irraa deemsise. Hedduun isaanii halkaniif guyyaa boqonnaa tokko malee hojjetu. Ofiif maatii isaanii jiraachisuuf jedhaniiti. Mirga ummata Oromoo dhugoomsuufis waan dandeettii isaanii gumaachaa jiru. Kanaaf, jaalalaaf kabaja guddaa argachuu qabu malee arrabsamuu hin qabani. Lammiiwwan Biyya Arabaa jiraatan irraas bu’aa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago