Categories: Yaada

Deebisaa barruu “ABO”n Kaayyoo Ummata Oromoo Malee, Hayyama Daldalaa Miti jedhuf Oromon kennu dandayu

 

Barruu mata duree  “ABO”n Kaayyoo Ummata Oromoo Malee, Hayyama Daldalaa Miti jedhuun  dhiheenya kana gadaa.com irratti bahe dubbiseen heduu na raaje. Abbaan barruu kanaa eennu akka tayee fi ergaan isaatis maal akka taate hubachuun rakkisaa miti.

Abbaan barruu kanaa murna ABOn dhaaba siyaasaa Oromo kan Oromon bahaa dhiha, kaabaa kibba, Islaama krisistaana, beekaa wallaalaa, dhiiraa dubarttii osoo hin jedhin dhaaba Oromo bilisa baasuf qabsaayu jedhee qabeenya isaa, human isaa fi lubbuu isaa osoo hin qusatin itti wareega as gahe worshaa namoota dhunfaa taasisisuuf abjaaotanii akka taye Oromon akka gaariiti hubata jedhee amana.

Ergaan barruu kanaatis murnna kanatu warshaan dhunfaa keenyaa kan nuti waggaa 40 ol ittiin daldalchaa bane kana Oromo nutti beekatee nu harkatti qabaa jiraatii Oromon dhaabnni kun kan dhunfaa keenyaa ta’uu raga nuuf bahuu qaba kan jedhee warwaatu fakkaata. Akka yaada murnna kanaatti ABOn warshaa daldalaa kan ujoollee ganda takkaa qofa ta’ee jiraachuu qaba malee Oromon biraa qooda keessaa hin qabu kan jedhu dha. Yoo akkas ta’e kan isaan godhuu qaban ABO dhaaba siyaasaa osoo hin taane dhaaba daldalaa ta’uu isaa ifaatti labsuu qabu. Yoo ABOn dhaaba daldalaa kan murni tokko akka qabeenya mataa isaatti ilaaluu fi ittiin uf jiraachisu taye yookaan kan dhunfaa keenyatti jedhee falmatu taye Oromon waan itti rakkatuuf hin qabu. Akkuma hundi keenya beeknu murnni kun ABO bara dheeraaf akka qabeenya dhuunfatee ittiin daldalaa akka ture, galii karaa kanaan argatus diina Oromo osoo hin ta’in qabsaayota Oromo ittiin adamssaa fi ajjeessaa akka ture ifaadha. Fakkeenyaaf, baroota torbaatamootaafi saddeetamoota keeyyssa IFLO, itti aansee IBSO, QC, OLF, AWO, dhaaba tokkichummaafi bara 2008 booda ammo ABO jijjiiramaa balleesuuf bakkoota adda addaati irratti duulaa fi ddulchisaa, ilmaan Oromo wal irratti duulchisaa fi wal rukkuchiisaa akka as gahe Oromoon akka gaaritti beeka.

Amma kun akka duraatti itti milkaa’uun dadhabamnnaan karaa barruu falmachuuf dirqama ta’e. Dhugaa Oromon ABOn kaayoo ummata Oromoti jedhee jalatti gurmaayee qabeenyaa fi lubbuu isaa itti wareegaa as gahe. Kanaaf, Oromon hundi ABOn kan keenya ka murnna ittiin daldalaa ture miti jedhee falmachuu eegale. Ufduras falmiin kun itti fufa. ABOn kaayyoo uummata Oromo tayuu kan dandayu yeroo uummta Oromo bahaa, dhiha, kaabaa kibba, islaama, waqefataa, kiristaana, beekaa wallaalaa waluma gala Oromo hunda hirmaachisuu dandayeedha. Yoo kaan worshaa/dhaabbata  dhunfaa kan maqaa Oromo dhahatee dhiiga Oromon daldalu ta’ee hafa.

Dhaamsi ani murna bicuu (shanee Gumii+QC) qabu yoo jiraate ABOn kaayoo minilik qabu akka hin jirre Oromon akka gaarii qulqulleesee beeka waan tayeef tasuma olola rakasha eenyummaa keeyssan qofa ibsu kana irraa uf qusadhaa, badii maqaa ABO fi maqaa qabsoo Oromon dhala Oromo irratti raawwachaa turtan ufitti hin qoqotinaa. Yoo hin qabsoofnna jettan diina kallattii irratti qabsaawaa. Oromo tutuquu irraa uf qusadhaa. Yoo ololli kun ABO jijjiiramaa irratti ta’e ABOn jijjiiramaa sirnna habashootaa kan dabrree fi kan amma jirus ta’e kan uf dura dhufus yoo jiraate wal qixa irratti qabsaawa. Kana Oromon hundi akka gaaritti hubata. Murnni summiin guutame kun ammoo yoomiyyuu dhugaa fudhatee hin beeku waan taayeef olola dharaa facaasuu irraa akka hin dhaabbanne Oromoon akka gaaritti beeka. Murnna kanaaf, kijibaa fi olola dharaa facaasuun mallattoo inni ittiin beekamu waan tayeef Oromon gurra kennuuf hin jiru. Dhugaa murnni kun ABO waggaa 40 ittiin daldalaa turee jira. Dhaamsi Oromoon isaanif qabu yoo jiraate ammaan booda ABO akka warshaa dhunfaatti ittiin daldaluu hin dandeettan. Yoo hin qabsoofnna jettan diina irratti xiyyeefadhaa jennaan.

 

Galatoomaa

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

9 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

9 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

9 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

9 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

12 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

12 months ago