Categories: Oduu Oromiyaa

Dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran

‪#‎BilisummaaOromoo‬– (05.03.2016,‪#‎DhaamsaHidhamtootaa‬, Oromiyaa) Kun dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran haala yeroo amma Oromiyaa ilaalchisee ergatanii dha.
Nuti, otuu dirqama addaddaa irra jirruu harka diinaatti kufnee gatii olaanaa bilisummaa Oromoof baasaa jiraachuu keenya namuu kan hubatuudha. Yeroo biyyi keenyaa fi lammiin keenya alagaa gara laafina hin qabnee biyya abbaa isa akeessatti ajjeefamu biratti argamuu dhabuun keenya hedduu garaa nu nyaata. Goototi Oromoo kutatoo amma illee Bilisummaa Oromoof wareega ulfaataa baasaa jiran kumaatamaan bahaa akka jiran yeroo dhageenyutti immoo jajjabina guddaatu nutti dhagayama.
Ammas qabsoo keenya galmaan gahuuf namuu bakka jirutti kutannoon akka hirmaannaa isaa jabeessu yeroo dhaammannu:

  1. Haala yeroo amma kan qabsoon Oromoo irra jiru, biyya alaa fi keessaa qabsoo kana xumura itti gochuuf, qabeenya, qaaman fi wanta dandeessan hundaan akka dirmattan dhaammanna.
  2. Barattoota sad1ffaa hanga sad2ffaa, Barattoota koolejjii hanga University, Qotee bultoota fi Daldaltota, Hojjetoota mootummaa, poolisoota fi humni waraanaa kan meeshaa barachaa jirtanis ta’ee, milishaan gandaa osoo hin hafne FXG kana xumura itti gochuuf waan Oromoo tokko irraa barbaachisu akka gumaachitan isin gaafanna.
  3. Namni Oromoo tokko wareegama uummanni keenya kaffalaa jiru kana cinaa dhaabachuudhaan wayyaanee duula Oromoo irratti deddeebiin labsite kana buqqisuu qaban.
  4. Duula Wayyaanee Oromiyaa keessaa baasuudhaaf Qeerroon Oromoo daandii cufuudhaan, riqicha kutuudhaan akkasumas mala qabsooa ddaddaa baasuudhaan gaggeessaa jiru deeggaruun akka dirqama lamummaa keessan baatan issinii dhaamna.
  5. Wayyaaneen akkuma garboofattoota habaashaa darbanii Oromoo irratti hiidhaa, ajjeechaa, dhabamsisaa, saamicha dinagdee, saamicha qabeenyaa, saamicha lafaa gaggeessaa jirti. Kun immoo kan dhaabbatu, kutannee hojjachuu fi waadaa keenya kaleessaa haaromsuun FXG kana injifannoon akka goolabamu gochuun ta’a.

Kana waan ta’eef, haala kana hubattanii bakka nu bu’uun gahee keessan akka baatan dhaamsa kana haala ulfaataa keessatti isiniif dabarsine; imaanaa keenya kanas raawwachuun akka nu boonsitan immoo shakkii tokko illee hin qabaannu!!

Qabsaa’aan ni kufa! Qabsoon itti fufaa!
Injifannoo uummataa Oromoof!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago