Categories: Oduu Oromiyaa

Dhaamsa Jajjabinaa fii ittifufinsa Qabsoo Maatii barataa Gaarumaa Jiraataa fi Qabsaawaa Qeerroo Walabummaa Oromiyaa Maraaf

 

Dhaamsa Jajjabinaa fii ittifufinsa Qabsoo Maatii barataa Gaarumaa Jiraataa fi Qabsaawaa Qeerroo Walabummaa Oromiyaa Maraaf
Akkuma beekkamu gaafa falmaan abbaa biyyummaa oromiyaa jalqabee kaasee lubbuun dargaggootaa fii barattoota oromoo danuun wareegamanii jiru. Keessumattuu baroota 13n darban kana keessatti sochiin barattoota oromiyaa garmalee cimaa dhufuun isaa beekamaadha. Mootummaan Abba iree wayyaaneetiis ijaa fii gurra saba oromoo kan ta’an barattoota oromoo irrtti tarkaanfii farrummaa kan barattoota hidhuu, ajjeesuu fii biyyaa hari’uu itti fufuus, kanaan otoo hin laafin qabsoon barattootaas cimee itti fufaa jira. Akka kanaan gaafa 24-12-2005 A.L.H tti sabboonaa fii qabsaa’aa qerroo cimaa kan tahe barataa Gaarumaa Jiraataa, maxxantoota wayyaaneetiin magaalaa najjootti ajjeefamuun isaahooggannidhaabaa ULFO hubateera. barataan kun Kan ajjeefame sirna gabroonfataa wayyaanee oromiyaa irratti jabeeysuuf kan hiriire nama maqaan isaa yiggazuu tasammaa jedhamuun akka tahe gabaasni madda oduu ULFO najjoorraa nu gaheen ibsamee jira. Akka gabaasa kanaatti barataa ajjeefame kana malees barattoonni hedduun akka hidhaman beekkamee jira.
Akkuma mirgaa fii abbaa bimmaa Oromiyaa falmachuun dirqama ta’uun beekamutti wareegamni qabsooirratti baafamuus beekamaadha. Hidhaa fii ajjeechaan hanga ammatti dargaggootaa fii barattoota oromoo irratti raawwatamu hundi falmaa haqaaf godhamu kana caalaa cimsa malee, dhaabuus ,ta’ee laaffisuu hin dandeenye. Ijoon dubbii kanaa falmaan qabsoo roga hundaan jalqabame cimee ittifufuun dhiigni barattoota oromiyaa haqa keenya irratti bineeyyiin dhangala’e kun walabummaa oromiyaatiin bakka buufamuu qaba. Eegaa wareegamni barataa Gaarumaa Jiraataa, Akkuma wareegamtoota isa duraa wareegamanii fii isa booda wareegamuuf jiran hunda, wareegamtoota biyyaati. Kanaaf seenaan isaanii galmee seenaa irrattii fii qalbii sabboontotaa keessatti calaqqisee mul’achuun barabaraan jiraata.

 

Maxxantoonni garaa ofiif jedhanii dhiiga kichuulee barattoota ilmaan oromoo kumaatama dhangalaasan kun murtii isaaniif malu argatanii guyyaan isaan gaabban hinfagaatu. Dhaamsi jabaan asirratti dgatamuu hin qabne lammiilee oromiyaa hundi biyyoota warraaqsi keessaa deemaa jiru irraa waan guddaa barachuu qabu. Kuniis soda lubbuutiif jedhanii dhiiga ilmaan isaanii roorroon dhangala’u osoo arganii awwaallatanii cal’isuun hafuu qaba. Hadooddii cimaa qabaannee waliif tumsuun aadaa keenya tahuu qaba. Akka kanaan sirnas hiraan dhiiga obboleewwan keenaa dhangalaasu kanatti xumura gochuun salphaa ta’a. Eegaa hoogganni dhaaba ULFO tiis gama isaatiin wareegama qabsoo yeroo dheeraa fudhate kana gabaabsuuf jedhee tooftaa cimaa fii imaammata qabsoo haarawa kan filateefiis kanumaafi. kana galmaan ga’uufiis hirmaannaan qeerroo walabummaa oromiyaa murteessaa ta’uu isaa hoogganni dhaaba ULFO ni amana.
Dhumarratti maatiilee qeerroo biyyaaf jedhanii ilmaan ofii dhabanii fii, qabsaa’ota qeerroo jaallawwan keenna biraa wareegaman maraan qabsoo waliif tumsuu irratti hundaa’e gaggeessuun guyyaa gabrummaa kana seenaa gochuuf yeroon amma jechuun hoogganni dhaba ULFO dhaamsa isaa dabarsa.

TokkummaanHumna !!
Oromiyaan Ni Walaboomti !!

KHR ULFO/THBO
Caamsaa 3, 2013

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago