Categories: Oduu Oromiyaa

DHAAMSA MISEENSOOTA OPDO’F

 

(Waliif share godhaa)

OPDO’n akkumaan barruu kaleessa mata duree “Namni galaaf ka’e nama galaafata” jedhun isinii maxxanse keessatti tooftaan amma ittiin qabsoo oromoo laamsheessuu barbaadan keessaa tokko miseensoota isaanii haaroomsuufi haara horachuuf akka tahe isiniif ibseen ture. Haaluma saniin yeroo ammaa gamaaggama miseensoota isii qopheessitee jirti.

Waan nama ajaa’ibsiisu keessaa akka ulaagaa gamaaggamaatti kan dhihaate TV OMN laaluufi miidiyaa hawaasaa fayyadamuu faa dha. Waan ajaa’iiba, waan dabaati!
(Qis…. qis… qis… qis… nama kofalchiisa)

OPDO’n nama addunyaa waliin wal qunnamuufi shira mootummaan ummata oromoo irratti hojjatu jalatti baru hin barbaadu. Gama biraatiin teknooloojii babal’isaa jirra jechaa dubbatan. Garuu miseensoonni isaanii akkuma kijiba isaan itti himan qofa fudhatu barbaadan. Namni OMN hordofuufi Facebook fayyadamu miseensa opdo miti jechuudha. Yoo miseensa opdo tahees kan hordofu taanaan miseensa amanamaa miti. Opdon kanaaf nama barate hin feenee bar.

Kaabiineen opdo marti dubbisuufi barreessuu hin dandeessu. Kanaaf waanuma isaan itti himan qofa akka fudhatan barbaadan. Kanaafiis ragaan tokko uunkaa gamaaggamaa tana ilaalaa. Garuu yeroo nuti waan qabatamaa barreessinu warri guunguumtan kana hubadhaa mee?

Haa jannuu kan oromoo tahee OMN hin laalle jiraa laata? Kan facebook hin fayyadamne hoo? Haala addunyaan itti oolte baruuf amma namni kan fayyadamu miidiyaa hawaasaa kan akka facebook tahuu namuu ni beeka. Garuu waan ragaa qabatamaa viidiyoofi footoon dhihaatuun maaliif oolola sobaa jetti opdon? Namni 150 ol waraana wayyaaneetiin du’uun ololaa? Namni kumni meeqaa hidhamuun, dhiigni ilmaan oromoo akka galaanaatti dhangala’uun sobaa?

Yaa ilmaan oromoo kan miseensa OPDO taatanii tarsiimoo kijibaa wayyaaneen baaftee ummata keenyaan galaafachaa, ummata tigree hadhaadhiyyaa jiraattu kana keessaa harka qabdan, ammummarraa miseensummaa kijibaa dhiisaa gara qabsoo ummataa makamaa. Wayyaaneen akkuma dur nafxanyoonni afaan, aadaa, seenaa keenya ukkaamsaa turte, akkuma barachuu nu dhoorkanii akka nuti dubbifnee hin barreessine, akka waliif hin galle nu taasisaa turan, arraas akka nuti addunyaa waliin wal hin barre nu taasisuuf karoorfachuu qofa osoon taane nu godhaas jiru. Hadaraa keessan ilmaan oromoo opdon bulchiinsa gaariis ni dhageesse malee hin beektu irraa baqadha. Yoo qabsoo ummataatti makamuu baattaniis miseensa opdo ofirraa mulqaa. Miseensummaa ofirraa mulquun keessan akka xurii gabrummaa ifirraa mulquutti ilaalama.

‪#‎Saphaloo_Kadiir‬/ Abdulbasit
Amajjii 12, 2016

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago