Categories: Oduu Oromiyaa

Dhaamsa Waggaa Haaraa ADO irraa

Barri 2013 dhumee yeroo bara 2014 simannu kanatti, nuti miseensonni ADO ummataa Oromoo fi ummaatoota Itoophiyaa hundaan baga waggaa haraan isin gaye jenna.

Dhaloonni ADO bara 2013, qabsoo ummanni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuudhaaf jaarraa tokko guutuu falamachaa ture boqonnaa haaraa seensise. Muldhanni ADO haaraan kun, qabsoon ummata Oromoo saboota biroo bilisummaa fi demokrasiif falamanii wojjin akka wolitti hidhatee furmaata waloo argamsiisu isa taasisa.

Bilisummaa fi nagaan saba kamuu ollaa iasa keessatti nageenni yoo hin jirre qophaa isaa dhaabachuu hindanda’u. “cunqursaan bakka tokkotti raawatamu farra nagaa fi mirgaa bakka hundaati”.

ADOn muldhata haaraan as bahuun isaa itti fufiinsa qabsoo duraan godhamaa turee fi jijjiiraa yeroon barbaadu wal simachiisa.  Erga muldhata keenya labsinee; deegarsaa fi tumsa ummata keenyaa fi ummatoota biroo bilisummaa fi wal qixxumma baraadan biraa arganne hedduu nu jajjabeessee jira.

Muldhanni haaraan ADO kun qabsoo hiree murteefannaa ummanni Oromoo geggeesu sadarkaa olaanatti kan geesuu qofaa osoo hinta’in, ummanni Oromoo Empira Itoophiyaa imaayerummaa irra gara biyya saba hundaa taatutti jijjiiru irratti gahee olaana akka taphatuu isa dandeesisa. Karaan biyya san jijjiiranii biyya nama hundaa taatutti qajeelchuu danda’an karaa kana qofa jennee amanna.

Hujii guddaan bara 2014 nu eeggatu waa lama, isaanis:- 1ffaa Haala ummata keenya keessatti argamnee qabsoo bilisummaa itti finiinsinu mijeessuu fi  2ffaa dirree saboota biroo wojjiin qabsoo ittiin qindeeffannu ajjeessuudha. ADOn mul’ata isaa kana fiixaan baasuuf qaama kamuu  kan rakkoo biyya sanii furee biyya san biyya saboota hundaa akka taatu barbaadu wojjiin hojjechuuf fi akkasumas waliigaltee uumuuf qopha’a

Haalli amma biyya keessatti, naanoo fi adduynaa keessati muldhataa jiru kan yaada hiree murteefanna dhugaa biyya sana Impaayerummaa irraa jijjiire gara biyya federeeshiina sab daneessaa, kana sabni kamuu wolqixumaadhaan keessa jiraatu taasisuuf  carraa bana. Carraa kanatti fayyadamuudhaanis siyaasaa biyya sanii bakka amma jirtu irraa gara fuula duraa tarkaanfachiisuudhaaf carraaquu qabna. Jabaannee kana irratti yoo hojanne mirgi hawaassummaa, siyaasa fi dinagdee ni ragama jenna. Aduun bilisummaa bayuudhaaf faggoo hinjirtu jenna.

Qabsoo murteessa yeroo hedduu murteessa ta’e keessatti geggeessa jiru kana keessatti, ummanni Oromoo fi ummatootni Itoophiyaa hundi qooda gaha akka taphatan waamicha goona. Hireen saboota biyya sanaa hundi walitti hidhataadha.

Mirgaa fi bilisummaan saba kamuu qophaatti of of golgee jiraachuu hiundanda’u. Kanaafu wojjiin mirga bilisummaatii fi demokraasi gonfachuuf haa kaanu jenna.

Dhuma irratti dhaamsi qaamota siyaasa hundaa dhaamnu, aadaa wal balesuutii fi maqaa walxureessu, akkasumas ana malee kan biraa hin jiru jennu irraa of qusannee siyaasa bilchaata fi safuu qabu akka hordofnu waamicha goona.

Waggaan haaran kun kan milkii nuuf haa ta’u.

Adda Demokraatawaa Oromoo (ADO)

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago