Categories: Oduu Oromiyaa

Dhoohiinsa boombii magaalaa Deesstti lubbuun namoota shanii babarte

Naannoo Amaraa Magaala Dasee Bulchiinsa Boombaa Wuhaa jedhamu keessatti dhohiinsa boombii qaqqabeen lubbuun namoota shanii darbuu poolisiin hime.

Boombii kana kan dhoosan hidhattoota to’annoo jala oolfaman poolisiin hiikkachiisaa jiru jedhameera.

Akka Poolisiin jedhetti, haleellan boombii kun kan qaqqabe namoonni yakka lubbuu namaa balleessuutiin barbaadamaa turan erga qabamanii booda boombii darbataniinidha.

Namoonni yakka kanaan shakkaman afur yoo ta’ataman, naannoo Dasee Aanaa Xid Gabayaa jedhamuu ka’anii gara magaala Daseetti seenun badii garaa garaa raawwachuuf osoo jedhanii tumsa Bulchiinsa Magaala Daseefi poolisiin Walloo Kibbaa taasisaniin to’atamanii qorannaaf buufata Poosilii 4ffatti geeffamaniiru.

Erga buufata poolisiitti geeffamanii booda hidhannoo isaanii akka hiikkatan gaafatamanis diduudhan boombii hidhatanii jiran dhoosun shakkamtoota dabalatee poolisii idilee tokko, humni addaa tokko lubbuun darbuu danda’eera.

Walumaa galatti namni shan yoo du’u, shakkamtoota keessaa namni tokko harka laatera jechuun Bulchiinsa Magaala Daseetti Itti-gGaffatamaa Waajjira Poolisii kan ta’an Komaandar Asmiin Mulaat ibsaniiru. Guutuu isaa asirraa dubbisi

Maddii BBC Afaan Oromoo

bilisummaa

Recent Posts

OLLAA Comments on US Visit to Ethiopia

This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…

2 days ago

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

1 week ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

1 week ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

1 week ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

3 weeks ago