By Hawi Olani Kesesa
Yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo maal keessan jiru yoo jennee gaafanneef namoonni addaa addaa deebii heedduu kennuu ni danda’u. Inni fagoo jiru akka qoosaatti haasa’uu danda’a. Inni dhiyoo jiru ammo miiraan dubbachuufi kaanis waa heedduu akka jedhan nan abadadha.
Haa ta’u iyyuu malee Uummanni Oromoo diddaa bittaa garboofattootaa yeroo kam iyyuu tole jedhee simachuu diduun kan har’aa qofa utuu hin ta’in kan kaleessatis. Kaleessa mootummaa abbaa hirree of irraa faccisuuf qabsoo ta’een namootni heedduun kan wareegaman yoo ta’e illee seenaan Oromoo yoom iyyuu isaan hin dagatu. Firiin qabsoo boonsaa geggeessan har’a daraaree jira. Oromoon roorroo kamiif iyyuu hin jilbeeffanne, gara fuula duraattis hin jilbeeffatu.
Haaluma kanaan, qabsoon har’as dargaggoota Oromoon finiinee babal’ataa akka jiru odeeffannoo qabatamaa kan nuuf kennan, nus itti siqeenyaan kan daawwanne akka armaan gadiitti mee waliin haa ilaallu.
Dargaggoonni Oromoo mirga isaaniif falmatan, lafa uumamaan kan isaanii ta’e irraa qonnaan bulaan Oromoo akka gadi dhiisu gochuuf wiixinee wiixineeffame, Ilmaan Oromoo kanaan dura adamsuun qe’ee isaa, qabeenya isaa, horii isaa kan saamaa turaniif ammas jiran irra guddeessaan godaansisuuf tarsiimoo Wayyaaneen qabdu fashalsiisuuf wal’aansoo jiru keessatti dardarri Oromoo heedduun reebamaniiru, lafeen isaanii cabeera, dhiigni isaanii dhangala’eera, qabeenyi isaanii gubateera, barumsa irraa ari’amaniiru, hundumaa irra lubbuun isaanii aarsaa godhaniiru.
Mee kanneen armaan gadii torban kana keessa uummata Oromoo irra kan ga’e waliin haa caqasnu.
Walumaa galatti yeroo ammaa kana qabsoon dargaggoota Oromoon eegalame kun fincila diddaa bittaa garbummaa waan ta’eef akka yaallootti kan dhaamu, sossobuun kan deebi’u, akka hin taane cimsamee hubatamuu danda’eera. Qabsoon kun itti fufiinsa kan qabu, yoomi iyyuu kan hin dhaabanneefi Oromiyaan hanga bilisoomtutti kan itti fufu ta’a.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…