Categories: Oduu Oromiyaa

Dhuma Torbanii Irra Gudaritti Nama Lama tu Ajjeesame, Boorana Keessatti Immoo Uummatni Lafa Investmentiif Kenname Deebisee Qabate, jedhama

Jiraattonni magaalaa Gudar ka Shawaa Lixaa keessaa, humnoonni federaalaa Mootummaa Itiyoophiyaa Jimaata dabre kana namoota lama magaalattii keessatti ajjeesuun hiriiraa guddaa Sanbata dabre magaalattii keessatti geggeessameef sababaa ta’uu isaa dubbatu.

Jiraataan magaalaa Gudar Sanbata dabre kana Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsetti, hiriirtonni ulaalee magaalattiitti seensan maraan yaa’ee ganamaan magaalattii guutee dhaadannoo isaa dhageessisuu jalqabe.   Humnoonni Federaalaa itti dhufanii dhaabuu waan dadhabaanii waraana Agaazii konkolaataa toorbaa dabalataan waamuu dubbatan.

Gama biraatiin Godinaa Booranaa, aangaa Liiban keessa ka jiru lafa investimentii qonnaaf, fedhii uummataa malee, duuressicha Sheek Alaamuudiif kenname, Sanbata dabre kana, uummatni itti bobba’ee mananneen irratti ijaaraman gubuudhaan laficha deebisee dhuunfachuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru. Gaafuma sana magaalaa Negellee keessatti hiriira mormii illee gegggeessanii jira.

Kaleessa immoo, Godinaa Guujii, lafa Me’ee Bokkoo jedhamutti ayyaannii Baallii wal irraa fuudhuu Aboota Gadaa Guujii Kaleessa geggeessamee jira. Sirna kana irratti, aangwoonni Mootummaa akka Prezidaantii Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, Obbo Muktaar Kadir, Itti-aantuu Muummitittii Ministaraa Itiyoophiyaa, Aadde Aster Maammoo fi Prezidaantii Itiyoophiyaa, Obbo Mulaatuu Tashoomee argamuu isaanii dubbatu – jiraattonni.

Garuu, akkuma sirni baallii walitti-kennuu kan aadaa xumurametti, Prezidaantiin naannoo Oromiyaa, Obbo Muktaar Kadiir ennaa haasawa jalqaban uummatni calleensaan bakka walga’ichaa gad-lakkisee deeme, jedhu.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago