Categories: Oduu Oromiyaa

Diinaan hidhamus, reebamus biyyaa fi ummata kiyyaaf waan ta’eef, gochaan diina keenyaa waanan jalqabe irraa duuba na hin deebisu

Diinaan hidhamus, reebamus biyyaa fi ummata kiyyaaf waan ta’eef, gochaan diina keenyaa waanan jalqabe irraa duuba na hin deebisu, ammallee fuula duratti ummatakiyya kakaasuu fi dammaqsuu ittan fufa jechuun Wallisaan Oromoo Art. Jaafar Yuusuf beeksise.

(Sagalee Bilisummaa Oromoo – SBO)

Wallisaa Oromoo sabboonaa Art. Jaafar Yuusuf kana kan beeksise gaaffii fi deebii bakka jiru irraa SBO waliin Ebla 27,2014 taasise keessatti.

Magaalaa Buraayyuu keessa osoo hojii dhuunfaa isaaf deemaa jiruu Poolisoota Federaalaa fi tikoota wayyaaneen karaatti butamee dhaanamuun fuulli isaa hidhamee konkolaataa keessatti darbamuun bakka hin beekamnetti geeffamee hidhamuu kan ibse sabboonaa Oromoo Art. Jaafar Yuusuf, bakka itti hidhanittis reebicha ulfaataa dhala namaaf hin malle akka irratti raawwatanii fi qaamni isaa cufti dhiigaan dhiqamuu gaaffii fi deebii SBO waliin godhe keessatti ifa godheera.

Yeroon sirboota kiyya hojjedhuyyuu haalli kun na mudachuu akka danda’u nan tilmaama kan jedhe wallisaa Jaafar Yuusuf, tarkaanfiin diinaa kun na irratti fudhatamus biyyaa fi ummata kiyyaaf waan ta’eef, booda na hin deebisu jedheera.

Ummata nu irratti kakaasaa jirta, Buraayyuu keessa deemtee ummata dammaqsaa jirta, waan biyyaa keessa maaltu si galche, Alaabaa ABO tu si bira jira, eenyutu si gargaara, eenyutu si duuba jiraa fi kkf gaaffilee adda addaa gaafachuun akka hiraarsanis Wallisaa Jaafar SBOtti dubbateera.

Magaalaa Finfinnee dabalatee biyyi keenya osoo mummuramee dhabamsiifamaa jiruu, barattootni keenya baratan hoji dhablee ta’anii dhagaa guuraa osoo oolanii, daldaltootni keenya maqaa gibiraan osoo saamamaa jiranii, walii galatti ummatni keenya osoo gidirfamaa jiruu akka falmatuuf kakaasuutu na irra jira malee hin callisu jedhee jira.

Aartii fi Artistootni Oromoo dhiibbaa ulfaataa jalatti argamu kan jedhe Wallisaa Sabboonaa Art. Jaafar Yuusuf, ummata irraa nu tiksu, yoo konsartii hojjenna jennee gaafanne nuuf hin hayyaman, yoo dhugaa jiru irratti hundoofnee sirbuuf yaalle nu doorsisu jechuun ukkaamsaa mootummaan wayyaanee Aartii fi Artistoota Oromoo irraan gahu saaxileera.

Sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattootaa fi dargaggoota hammatee haga hawaasa keessatti taasifamaa jiru baay’ee gammachiisaa fi abdachiisaa dha kan jedhe Wallisaa Jaafar, falmiin Finfinnee fi mirga walii galaa Oromoo kabajsiisuuf bifa haaraan itti fufee jiru babal’atuu fi jabaatee itti fufuu akka qabu, ummatni Oromoo walii galli, addatti ammoo hawaasni Oromoo biyya ambaatti argamu dargaggoota/barattootaa fi ummata biyya keessaa diina fuula dura dhaabbatanii falmii mirga abbaa biyyummaa geggeessaa jiran cina dhaabbatee jajjabeessuu fi karaa danda’een gargaaruu akka qabu dhaame.

Gaaffii fi deebii SBOn Wallisaa Sabboonaa Oromoo Art. Jaafar Yuusuf waliin godhe sagantaa SBO Ebla 30,2014 Roobii dhufuu keessatti akka hordoftan kabajaa waliin isin beeksisna.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago