Abawajy, Mehabub
Social Median qabsoo Oromoon gabrumaa jalaa bahuf yaroo dheeraa dhaaf Oromia kessatti itti jiru, midhaa, dararaa fi ajjechaa dhinnii Oromoo nuratti hojjachaa jiru adunyaatti saaxiluf heeddu gargaaree. Akkasumatti Social Median gummaacha qabsoo biya keesaatif Oromoon diaspora taasisaa jiru jabeessu fi qindomina akka qabuf qoodha guddaa qaba. Hatahu malee yaroo muraasa dura Social Median – kessaafu Facebook – Oromoon diaspora akkuma qabsoo cinaa dhaabachuff gargaareetti deebisee hamilee cabsuudhaan qabsooraa akka of booda ja’aan goochaa jira. Kanaafu diinni Oromoo enyuu? Akkammitti Oromoon disapora diina Oromooratti ciyyeefata?
Gumaachi Oromoon diaspora bilisummaaf Oromiaf gumaachu murtaawaadha. Oromoon diaspora yoo wali galee gamtaan dhaabachun hiriira nagayaa bahu, calayaa – petition – bakka bu’oota isaanitif barresun rakkoo fi ajjechaa TPLF Oromooratti hojjachaa jirtu motumota addunyaa barsisu fi dinagdeen qabsoo biya keesaa gargaaruti gabaabsun ni dandayama. Kanaan alatti diasporan akka Oromoo biyyaatti qabsoodhaaf hidhamu, garafamu ykn lubu isaa/isii akka kanu hin gaafatamnee. Akka namu beekutti lubbun namaa mallaqaan waan hin shalagamneef gattin isii tilmaama hin qabu waan taheef qabsoon biya keessaa kan lubbu nama baasisu yoo jannu kan diaspora moo gumaacha murtaawee qabsoo biyaatif taha.
Gumaacha murtaawaa diaspora kana yoo diina Oromoo fi toftaa isaa sirrin hubanee malee gumaachi kun faa’idaa gudaa qabaachu hin dandayu. Kanaafu Oromoon diaspora murnaan adda baasudhaan – catagorize – murna kamitu diina akka tahee laalamu qaba. Oromoon diaspora – kan wan qabsoo dubbatu – bakka saditti adda bahu dandaya: (1) kan miseensa jaarmaya siyasaa Oromoo (akka maqaaf nuf toluf murna kana “Jaaramaa” janaan); (2) kan jarmaya siyaasaa ala jiree – nonpolitical organization/individuals – akka activist fi media Oromoo fakkenyaaf OMN, ONN, websitii Oromoo… (jaarmaya siyaasan alatti waan qabsaawaa jiranif “Alee” janaan) ; fi (3) kan daleeydu TPLF tahun maqaa Oromootin Facebook dhima bahun hojjatan (“Fakkesaa”) dha. Kanaafu dinni Oromoo Fakkesaa – kan Wayyaanee bakka bu’ee nukeesaatti hojjachaa jiru tahu haa baranee iffiraa egganu. Yoo Fakkesaa firraa ittisun ciyeeffanaa gumaacha qabsoo TPLFti garagalchinee – focused efforts – malee dararaan, gudeeddin dubartoota keenyarra gayaa jiru, hidhaa fi ajjeechaan Oromoo biya kessaa deemaa jiru dhaabuf gumaachi nuti goonu bakka hin gayyu.
Oromoon diaspora akka Fakkesaan diina keenya tahe kan hin hubanee yoo jiraateellee kan hubatu moo heeddudha. Yaroo adda addaatti barrudhaa fi media ratti bahun Oromoon heddun hojii Fakkesaan Oromoo diaspora jiran laafisuf hojjachaa jiruraa akka of eegnu nama goorsaa jiran. Akka fakenyaati mangudooleen Oromoo waan kanaraa gorsaa fi dhaamsa ONN ykn OromoTV ratti dabarsani turan. Haatahu malee hujin Fakkesaa waan babalachaa deemaa jirtuf dhima kana gadi fageenyaan xincalun barbaachisaa tahaa.
Oromoo diaspora kessaa murni Fakkesaadhaan dhagayamu dandayuu murna kami? Jaaramaan waan jaarmaya siyaasaa kan caasaa mataa isaa qabu jalatti jaaramee jiruf yaroo fi caasaa isaa eggatee haasofni – information- isa/isii dhaqaba. Kanaafu caraan Jaaramaan sobaa fi oloola Fakkesaa amanee fudhaachun xiqqaadha. Yoo Jaaramaan sobaa fi oloola Fakkesaa amanee fudhachun ergamaa – medium – ykn afaan Fakkesaa tahudhaan kan Oromoo biroo maqaa balleesu yoo tahee jaarmayni siyaasaa inni/isiin jalatti jaaramee seera jarmayaaratti dhaabatee dogogoora umamee fi miseensa akkas hojjatee sirreesu qaba. Kana waan taheef Jaaramaan yaroo heeddu of egganoo dhaani oloola diinni/TPLF jarmaya isaaniratti offu firaa ittisan yoo ja’aamee ni dandayama. Murni kaan Alee dha.
Aleen waan seera, caasaa, itti gaafatama ykn jaarmaya isa/isii tohatu waan hin qabneef caraan dogogooraan yookin beekkumsaan ergamaa – medium – ykn affaan Fakkeesaa tahu isaa/isii heedu gudaa dha. Alee kessa hayyuleen heedu fi median adda addaa qabsoodhaaf gumaacha heedu akka goodaa jiran ni beekkama. Isaan warra shira TPLF hubatan waan taheef ergamtoota dinaa/TPLf osoo in tahin warra akka Oromoo tokkootti qabsoodhaaf gumaachaa jirani. Murna Alee keessa namoottan walaalaan ykn beekkumsaan Facebook ratti bahanii ergaa Fakkeesaatin Oromoo diaspora diguuratti hojjachaa jiraniitu jira. Isaan kun yoo dhigaan Oromoo tahannillee hujjin isaani ykn qabsoon isaan itti jiran waan qabsoo Oromoo diaspora digudhaaf gargaaruf qabsoo digmayaati malee qabsoo Oromoo biya kessatti du’aa jiruf gumaacha qabu miti. Kanaafu Oromoon diaspora jirru diinni Oromoo (tareeffamaan):
Erga diinni Oromoo enyyu akka tahee adda baasnee hubanee booda Oromoon diaspora jiru murti fi tarkaanfi cimtuu tahee fudhachun dirqama Orommummaa qoofa osoo hin tahin TPLF mohuudhaas. TPLF qabsoo fixaan baha jirtu of booda deebisuf kan halkani guyyaa tataafachaa jiru tahu hubachun barbaachisaa dha. Kanafu tarkaanfin nuti akka Oromoo tokkotti fudhacu qabnu murna lameen boodaa (Fakkesaa fi ergamaa Fakkesaa) ratti kan ciyyeefattee tahu qaba. Kunis Fakkesaan waan beekaa mallaqa ykn bu’aa inni/isiin TPLFraa arkatuuf jacha Oromoo digaa jiruf gorsaa fi dinninii isa/isii hin dhaabu. Kana waan taheef Fakkesaan murna Alee walin waan wallitti laaqamee hojjachaa jiruuf isa adda baasun barbaachisaa taha.
Fakkesaan akki itti beekkamu dandayu (1) maqaan isaa Oromoo tahee yaroo heeddu wantoota nama digan Facebook ratti bareessa ykn dubata, (2) Facebook isaa yoo laalan suraa – photo – isaa kan dhugaa hin dhoysudhaan suraa alabaa Oromoo, gootoota Oromoo fi Qeerroo maxansa. Yoo gad fageenyaan Facebook isaa/isii kessa laalaa suraa hoganootaa TPLF kesatti arkama, ykn (3) Facebook isaa/isii kan haraya banamee tahaa. Heddun isaa kan bara 2015 booda banamee dha. Kana hubachudhaan Oromoon diaspora Fakkesaaratti tarkaanfi akka Oromoo tokkotti fudhachuf:
Oromoon walaalaa fi dogoogooraan ergamaa ykn afaan Fakkesaa tahee waan dhugumatti qabsaawaa jiru itti fakaatee Oromoo diaspora jidutti shorarkaa umuudhaan diina gargaaraa jirufi moo:
Yaroo Oromoon biyyaa gootumaa fi muranoon harka duwaa TPLF dura dhaabatee loolee ammalee loolaa jiru kana keessatti TPLF karaa ergamtoota isiitin diaspora kan moohu hindandeenyee akka tokkon qoofa. Yoo nutileen akka daa’imman Oromoo biyaatti gootumaa fi muranoon dhabbanee qoofa. Kana waan taheef Oromoon diaspora martuu akka Oromoo tookkooti diina ykn TPLF meshaa ammayaatin – Facebookin – mana ofiitti galfanee kana yoo nuttumaan isaan Facebook keenyaraa haquuf murannee tarkaanfi fudhanee malee Oromoon diasporan fulduraaf Seenaa fi Sheenaafile hin toolu.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…