Categories: Oduu Oromiyaa

Dr. Ali Birraa fi Ummata biyya isaarraa bahee ala jiraatu (Diaspora)

Irshahad Ipharra:

Sirbaan haa sirbu! Nutti maalif wal nyaana? Dr. Ali Birraan ummata Oromootiif yaadu hin dhiisu. Isa malee eenyuunu yaadaa fi kaayoo isaa jijjiiru hin danda’u. Wanti nutti godhuu dandeenu: warra qophii ‘Diaspora-f’ jedhe biyya dhaqe, afooshaa keessa baasuu, akka nama dhukkuba ‘Ebola’ qabutii irraa fagachuudha. Qabsoon kee artiistoota irraati ta’u hin qabu; namoota ‘Diaspora’ saniin irratti ta’u qaba.

Dr. Ali Birraan: sirba isaa beekamaa fi jaalatamaa sirba; sabaa fi sablamoota gammachiisa jira.

Ni deema; ni deema
Biyya feteen dhaqa

Mee jecha ‘nideema’ jedhu haa laalu, haa xinxaliinu, haa hiika mataa isaa itti keenninu. Waanti tokko ‘nideema’ yeroo jennu, kallattii kaminnuu haa ta’u bakka tokko ka’e gara bakka tokkotti deemudha.

Dr. Ali Birran qophii ‘Diaspora’ irratii; “ni deema, ni deema. Biyya feteen dhaqa. Biyya kiyyaan dhufa” jedhe; gammadee uumatas gammachiise. Namoota tokko-tokkoof kan rakkoo ta’e, inni akkamitti ‘Biyya kiyyan dhufa” kan jedhu. Jedhe rakkoo maal qaba? Mee Obsi! Nama arrabisuu, tuffachuu fi iyyuurra. Ee! ‘Ethiopia dhufa’ kan jedhe; dagadeeti miti. San dura! Gargarummaan deemuu fi dhufu maal?

Deemuu fi dhufuun waliif faalladha. Oromoon rakkoo siyaasaa fi rakkoo adda addaatiin biyya bayaan osoo kaayoo galmaan hin gayeen biyyati deebi’aan. Sunis waliif faalladha. Dr.Ali Birra dhiisti sirban haarooftu asumati waa’ee kophee sirba; asumati waa’ee koofiyyaa hin sirbu. Kophee fi koofiyyaan waliif lukaa fi mataadha.

Dr. Ali Birraan namoota ‘diaspora’ irra dhufanitti kolfa, gorsa, itti hima jira. Warri ‘daispora’ bu’aa buufachuuf dhufani kasaaraa jiran. Ni yaadatu jedhe abdaadha; ‘Millennium fi Dam Diaspora’ irratii warri hirmaataan waan tanii fi wanta irra gayees. Baratu darbee dhufa malee; inni sirbuu fi dhamsa isaa dabriifachuu hin dhiifne. Yaa warra ‘Daispora’: “takka dhufun dhiirummaadha. Lama dhufun Haruummaadha.”  Yaa ilmaan Abbaa-Gadaa: nama yakku, murti hin tan nama irraatti murteessuu, kaayoo nama xureesuu dhiisa. Boru miti har’a wal gurmeessaa, kaayoo ganama jalatti hiriira, shira siyaasaa xinxala, maaltu maalii fi eenyuutu eenyuudha addaan baafadha. Kanummaa gargaruman ilma namaa fi bineensoota.

Rakkoo fi jequmsa guddaa kan dhume. Dr. Ali Birran akkamiti; “Ethiopia dhufa!” kan jedhu. Dhugaa dubbachuuf anu baay’ee reefadhe. Waan Afaan isaa keessa bayee hin seene. Ee! Afaanuma isaa keessa baye. Haa ta’u malee, yeroo irra deebi’ee deeddeebi’ee itti yaadu; wanti inni jedhe sirridha. Dhugaadhas! Yaadaa fi dhamsa isaa beekuuf; ‘siyyaasaa Oromoo, Tigree fi Amaaraa’ sirritii beeku qabda. Yaadatu? Adda Demokraatawaa Oromoo (ADO/(ODF)ii fi dhabbin obbo Meelees waadaa waliif seenaani turan. Obbo Meelees ni du’e. Waadaa fi kaayoon siyaasaa ODF-llee waliin du’e. Hin duune jedhu. Dhugaa isaanitti. Du’aa fi jiruu giddu jira. Ni beektu jedhe abdaadha. Tigree garee lamaatu jira. Gareen tokko mootummaa fi biyyatii bulcha jiran; dhabba Amaraaf keennu barbaadu. Gareen lamaaffaa imoo ‘humnaan dhuufne, humnaan buuna’ ykn ni duuna malee nama tokkotiillee hin keenninu kan jedhu. Kun rakkoo gudda mootummaa cunqursaa jiddu jiru. Isaanu wal nyaata jiru. Dhabbiin Oromoo tokko-tokkoo maaliif kadhatu? Oromoon hin kadhatuu: akka Chiitatii fiigee, akka Boofatii furgee, akka Leencatii kaayoo isaa gonfata.

Xayyaaraa yaadaatin barrisaa jirta. Namni Oromoo ta’e Oromoo irrati shira hojjaatu. Qanaani yeroof jedhe boollolu. Kaayoo Oromootiin daldaaltu. Oromoo addaan faffacaasuuf yaada qabdu. Dhugaa sitti hima! Seenaa kee fi kan ilman keetiitu baddaa malee; kaayoo Oromoo hanga FAANA duubatti hin deebiistu. “Qabsaan ni kufa! Qabsoon itti fufa!”

Irshahad Ipha

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago