Baarentuu Gadaa Irraa//
Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif uummattoota biyyattii afaan
qawweettin ukkaamsitee saamaa, hidhaa fi ajjeesaaq turtee jirti.
Bakka kun hin milkaawunitti ammoo diraamaa fakkeessii humrii naaf
dheereessa jettu homishtee karaa miidiyaalee ishii gadi dhiisaa
turtee jirti. Isa goowwoomuufii danda’uus ittiin gowwoonfachuuf
carraaqaa turteetti. Murni tun abbaa irree taatee osoo jirtuu
dimookiraata’aa of fakkeessuuf, saamtuu taatee osoo ummattoota
biyyattii addatti uummata Oromoo deegsaa jirtuu abbaa misoomaa, osoo
hidhaa fi ajjeechaa raawwachaa jirtuu mootummaa nagahaa fi tasgabbii
uummee biyya bulchaa jiru of fakkeessuuf yaalaa turtee jirti. Haa
ta’uutii ummanni Oromoo addatti ammoo qabsaawoonni ilmaan isaa
Wayyaaneen sobduu, Wayyaaneen saamtuu ta’uu waan uumama ishiirraa
kaasee beekuuf harkaa hin fudhanne.
Uummanni Oromoo Wayyaaneen mootummaa misoomaa, mootummaa nageenyaa
akka hin taane, faallaa sanii wayyaaneen saamtuu fi gooleessituu,
murna faashsitii akka taate waan beekuuf guyyaa ishiin aangoo humnaan
qabatterraa kaasee irratti qabsaawaa jira. Impaayeera itiyoophiyaa
wayyaaneedhaan bulaa jirtu keessa erga wayyaaneen shiraa fi afaan
qawweettiin aangoo dhuunfatte bara 1991 irraa ka’ee nagaan biyya san
keessatti argamee hin beeku. misoomni irraa hololamus hin jiru.
ittii hidhaa fi ajjeechaatu babbalate, deegatu hammaate. Dhugaan bara
wayyaanee kan waggota 26n darbaniif impaayeera itiyoophiyaa keessa
turee fi jiru isa kana.
Murni faashistiin TPLF jettee of waamtu tun waggoota 26n darbaniif
uummattoota biyyattii addatti ammoo Oromoo irratti xiyyeeffatee duula
sanyii balleessuu raawwataa turtee fi jirtu baroota bittaa ishii
kana keessa ergamtoota ishii kanneen akka OPDO.DHDN fi BADN
bobbaasuun saamicha, hidhaa fi ajjeeechaa raawwachaa turteen alatti
diraamaa kijibaa adda addaas dalagaa turteetti. Sobaa fi sossobaa
gaggeessaa turte. Haa ta’uutii ummattoonni biyyattii addatti ammoo
uummanni Oromoo hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dabalatee diraamaa
fakkeessii Wayyaaneen ofiifis ta’e karaa ergamtoota ishii gaggeessaa
turte osoo hin fudhatan hafaniiru. Ummanni qabsoo isaa caalaatti
finiinsee, falamaan mirga abbaa biyyummaa sadarkaa hara’a irra gahe
jiru irra gaheera. Amma wayyaaneen qabsoo Oromootin qilee hin
deebinerra geechee jirti.
Har’a uummanni Oromoo addatti qeeroon Oromoo hidhaa-ajjeechaa,sobaa
fi sossobaa Wayyaanee tuffatee bira darbee jira. Isa achi fagoo
dhiifnee waanuma sirni kun waggoota 3n 4n darban uummata Oromoo
irratti raawwachaa ture yoo akka fakkeenyaatti kaafnee ilaalle labsii
yeroo muddamaa baasuu dabalatee waraana bobbaasuun sirnichi hidhaa,
dararaa fi ajjeechaa sukanneessaa raawwateera. Sobaa fi sossobaa
adda addaas OPDO jijjiruun uummata Oromoo gowwoomsuu yaalee jira.
Pireezidaantii fakkeessii naannoo Oromiyaa kan ture Muktaar kadir
kaasuun ergamaa Lammaa Magrsaa jedhamu bakka buusuun uummata
moogsuu yaalee jira. Haa ta’uutii diraamaan wayyaanee kun uummata
Oromoo biratti fudhatama hin arganne, jijjiramni inni qabsoo Oromoo
irritti fides hin jiru. Ibidda sirnicha irratti qabates hin dhaamsine.
Inumaawuu Oromoon yaalii gowwoomsaa Wayyaanee kanatti dallanee qabsoo
isaa, kan mirga abbaa biyyummaaf taasisu jabeesse. Kaabineen OPDO
jijjiramuun, Caalana bu’ee Callisaan, Magartuun buutee Maraattuun
aangoo qabattus amma wayyaaneen aangorra jirtutti gaafiin isaa akka
hin deebine waan beekuuf uummanni Oromoo qabsoo isaa caalaatti
jabeessee itti fufee jira.
Wayyaaneen qabsoo bilisummaa gaafii mirga abbaa biyyummaa uummanni
Oromoo addatti qeerroon irratti finiinsaa jiruun dhiphattee
Muktaariin buuftee Lammaa Magarsaa muudduus, kaabinee OPDO ergamtoota
ishii kaan ariitee, kaan muudduus fala osoo inargatiin kunoo arra
geechee jirti. Amma qabsoon Oromoo FXG waggoota 3n darbaniif osoo
walirraa hin citin gaggeeffamaa jiru dhiphisee waan qabdee gadi
dhiiftu wallaalichiseera. Tibba kana ammoo diraamaa biraa kan furmaata
waaraa ishiifiis ta’e biyyattiif hin finne Hayilamaariyaam
Dassaalanyi aangoo gadhi dhiiseera kan jedhu holola haaraa fiddee
hololaa jirti. Kunis akka fudhatama hin qabne uummanni Oromoo addatti
kan FXG finiinsaa jiru qeerroon karaa adda addaa qabatamaan
mirkaneessinaaniif ammo kunoo yeroo 3f yeroo waggaa hin guunne
keessatti labsii yeroo muddamaa labsitee jirti. Wayyaaneen ammas
gaafii Oromoo waan hubatte hin fakkaattu, ykn burjaajoftee jirti.
Maaliif jennaan Oromoon kan jechaa jiru bulchiinsi wayyaanee
nagaheedha. Ammaan achi hidhaa, ajjeechaa fi holollli fakkeessii
qabsoo Oromoo , gaafii mirga abbaa biyyummaa duubatti hin deebisuu
jechaajira. Hayilamaariyaam aangorraa buusuun, labsii yeroo muddamaa
labsuun fala hin ta’u.
Oromoon gaafii ijoo gaafii mirga abba abiyyummaa fi gaafii bilisumaa
isaa amma argatutti kan duubatti hin deebine ta’uu qabatamaan
mirkaneessaa jira.. Akkuma Muktaar Buustee Lammaa Magrsaa aangootti
fiduun faayidaa hin fidiniif ammas Hayla Maariyaam Dassaalanyi
bu’uunis ofuma gowwoomsuu malee falli wayyaneef fidu hin jiru. Kan
Oromoon dhiigaa tureef mootummaa wayyaaneen duuba teechee ajaju
arguufii miti. Diraamaan akkasii barri isaa dhumateera.isa kana hunduu
hubachuu qaba.
Eeyyee saboonni cunqurfamoon biyyattii hundis kanuma hubachuun qabsoo
bilisummaa uummanni Oromoo gaggeessaa jirutti makamuun murna
faashistii du’a jala geechee dhidhittachaa jiru tana dhiibee ofirraa
kuffisuudha. Labsiin yeroo muddamaas ta’e hidhaa ajjeechaan, darbees
hololli fakkeessii ammaan achi bakka hin qabu. Ergamaan tokkoo bu’ees
ergamaan biraa muudamuun gaafii Oromoon kaasaa jiruuf fala hin ta’u.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…