Categories: Oduu OromiyaaYaada

Faayidaa-Addaa Oromiyaan Magaalaa Finfinnee irraa argachuu qabdu

(Sultan Abdo)

Finfinneen Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya’e labsii lakk.94/1997 kwt.2(3) irratti tumameera. Heerri mootummaa RDFI kwt. 49(5) jalatti Finfinneen gidduu Naannoo Oromiyaatti kan argamtu waan taateef Faayidaan-Addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu ni eeggama jedha.

Faayidaan-Addaa kuniis tajaajila hawaasaa, qabeenya uumamaa, bulchiinsa waliinii fi dhimmota biroo kana fakkaatan akka ta’e heerichi ni tuma. Tarreeffamni isaa immoo seeraan akka murtaa’u tumameera.

Haa ta’u dhimma kana ilaachisee hanga ammatti seerri bahe hin jiru. Yeroo ammaa garuu Mootummaan faayidaa kana qoratee seera baasuuf hojjachaa jira. Kanaaf anis seerri bahu dhimmoota armaan gadii hammachuu qaba yaada jedhu qaba. Isaanis:-

1. Tajaajila hawaasaatin (social service) walqabatee bu’uraaleen misooma Magaalaa Finfinnee kanneen akka ibsa, daandii, giddugala fayyaa, manneen barnootaa fi kkf; Hawaasa Naannoo Oromiyaa keessatti argamaniis fayyadamaa taasisu qabu.

2. Qabeenyi uumamaa Magaalaa Finfinnee hawaasa naannoo ishee jiraniifis ooluu qaba. Gama biraatin warshaaleen Finfinnee keessatti argaman qabeenya uumama Naannoo Oromiyaatti fayyadamu. Qabeenya uumamaa fi hawaasa naannoo irratti miidhaa qaqqabsiisu. Kanaaf galii warshaalee fi qabeenya uumamaa kanneen irraa argamu hammi ta’e faayidaa ummata Naannoo Oromiyaatiifiis haalli itti oolu danda’u uumamuu qaba.

3. Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti Oromiyaa barcuma (reserved seat) qabaachuun barbaachisaadha.

4. Finfinneen handhuura Oromiyaa fi Magaalaa guddoo Oromiyaa waan taateef aadaa fi afaan oromoo babal’achuu qaba; iddoowwan seenaa fi eenyummaa ummataa agarsiisan babal’achuu qabu.

5. Manni murtii dhimmoota Oromiyaa ilaalu Finfinnee keessatti hundeessuu. Keessattuu seerri deemsa falmii yakkaa manni murtii Oromiyaa yakkoota wajjiraalee fi qabeenya naannichaa irratti raawwataman ilaaluu akka danda’ u beekkamtii kennuu qaba.

6. Faayidaalee biroo kana fakkaatan.

Kanaafuu seerri bahu faayidaalee Oromiyaan argachuu qabdu ifatti kan tarreessu ta’uu qaba. Seericha hojirra oolchuuf caaseffamaa fi sirna diriirsuu qaba. Seerotni Bulchinsa Magaalaa Finfinneetiin bahan faayidaa kana calaqqisuu qabu.

Karoorri hojii fi bajataa Magaalaa Finfinnee faayidaa kanaa fi kkf haammachuu qaba.
*********

* Sultan Abdo is a Training Coordinator at Oromia justice Sector Professionals Training and Legal Research Institute. He obtained LL.M in law and development at University of Warwick.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago