Categories: Oduu Oromiyaa

Filannoo Ethiopiaa Baranaa

      Tofik Abdullahiin                       

Akkuma beekamu filannoon Ethiopia Bara 5tti al-tokko geggeeffama, haaluma kanaan filannoon baranaa Caamsaa 24, 2015  guutuu biyyattiitti geggeeffama jedhamee eegamaa jira.

Haata`u malee filannoon biyyattii keessatti geggeeffamu yeroo maraa mootummaa wayyaanee abbaa hirree harkaa ba`uuf carraa hin arganne.

Mootummaan wayyaanee bara mootummaa cee`umsaa 1991 irraa jalqabee aangoo biyya sanaa ufirkatti hanbifachuuf dhaabbilee Siyaasaa adda addaa mara irratti dhiibbaa guddaa taasisee ture ammallee haala cimaan itti fufee jira.Akkasumas namoota kumaatamaan lakkaawaman ajjeesuu fi hidhuun bara dheeraaf aangoo biyya sanii haala dimokraatwaan ituu hin ta`in haala lolaatiin hanga qaamni tokko dhufee harkaa baafatutti waan eeggachuuf murteeffate fakkaata.

fakkeenyaaf filannoo bara 2005 biyyattii keessatti geggeefame irratti dhibbaa dhibbatti mootummaan wayyaanee moo`amuusaa ummata ethiopia keessa jiran qofa ituu hin ta`in addunyaan marri quba qaba.

Haa ta`u malee Mootummaan wayyaanee humna guddaa biyyattii guutuu irratti fayyadamuun namoota dhibbaan lakkaawaman ajjeesuun isa kaan hidhuun filannoo bara sanii haala dinqisiisaan ukkaamsuun umurii aangoosaa dheeraffatee jira.

Mootummaan wayyaanee filannoon dimokraasii fi seera qabeessa wanni jedhu akka isaaf hin mijoofne bara 2005 waan mirkaneeffateef jecha filannoo bara 2010 biyyattii keessatti gegeeffame 99.9 mo`adheen jira jechuun Paartiilee mormitootaa hunda mana marii bakka bu`ootaa keessa haree gadi baasuun biyyatti akka fedhanitti geggeessutti jiru.

Ammallee itti fufuun dhaabbilee mormitoota Siyaasaa kan biyyattii sana keessatti karaa nagaa fi seera qabeessaan sochii siyaasaa mataa jaraa geggeeffachuuf tattaafatan mara,  mootummaan wayyaanee  filannoo baranaa haala gaariin akka hin hirmaanne gochuuf dirree filannoo dhippisuun fi Miseensota jaraa hidhuu fi sodaachisuun itti fufee jira.

Haata`u malee diddaan fincila garbummaa biyyattii sana keessaa yeroo ammaa kallattii adda addaatiin itti fufee jira, dhaabbibbileen siyaasaa biyyatti keessatti karaa nagaan socho`an marri sochii nafiladhaa haala quufsaanillee ta`uu baatu  itti fufanii jiru.

Keessumaayyuu akkuma torban darban arginetti dhaabni siyaasaa OFC ( Oromo Federalist Congress ) kan DR Maraaraa Guddinaan hoogganamu Oromiyaa mara keessatti sochii nafiladhaa saffisaan gegeessuutti jira, kanumaan walqabatee motummaan wayyaanees miseensota OFC sababa adda addaa sababeeffachuun hidhaa fi dararaa adda addaatiin irratti duulee jira.

Akka DR Maraaraan jedhaaa jiranitti  filannoon baranaa haala Dimokraasii dhugaa fi seera qabeessaan geggeeffamee jennaan filannoo kana ni moo`anna jechuun afaan guutuun dubbachaa jiru.

Mootummaan abbaa hirrees filannoo baranaa keessa darbuuf human waraanaa biyyattii guutuu keessatti baayyinaan gadi lakkisuun ummata sodaachisuu fi hidhuun filannoo baranaa akkuma barootan darbanii ukkaamsee moo`uuf carraaqqii guddaa taasisaa jira.

Miidiaa

Miidiaan biyyattii keessa jiran  marri mootummaa wayyaanee qofa faarsuun misoomaa fi dimokraasii amma irra jirru kana kabajsiifnee itti fufuuf Motummaa wayyaanee  qofa filadhaa jechuun holola jaraa itti fufanii jiru.

Mootummaan wayyaanee biyyattiidhaaf numa qofatu jira,nuti aangoo gadhiifnaan biyyattiin ni babbaddi, ni diigamti, biyyattiin akkas akkana taati jechuun holola sodaachisaa ummata irratti gadi lakkisuunni fi ofumaan uffaarsuun Miidiaa biyyattii keessa jiran hunda irratti lallabuutti jira.

Dimokraasiin dhugaa biyyattii keessa ituu jiraatee dhaabbileen siyaasaa filannoo irratti hirmaatan marri walqixxummaan miidiaa biyya sanaa fayyadamuun fiigicha na filadhaa Ummata biraan ga`hachuuf carraa ni hargatuu turan.

Ummmata

akkuma beekamu ummatni biyyattii keessa jiru marri jechuun haala danda`amuun Mootummaa wayyaanee waliin haala mufannaa guddaa keessa jira.

ummatni Oromoo millioonni hedduun muffii  yeroo dheeraa qofa ituu hin taane bara darbe waa`ee Master Plaanii finfinneen wal-qabatee mootummaa wayyaanee waliin muffii guddaa hangana hin jedhamne keessa jira. kanaafuu haala kanaan guutummmaa guutuutti ummatni Oromoo Mootummaa wayyaanee hin filatu jedhamee eegama.

Akkasumas Ummatni muslimaa biyyattii guutuu keessa jiran waggaa sadiin dura gaaffiilee Amantii jaraatiin walqabatee seeraa biyyattii irraatti hunda`uun  karaa seera qabeessaan gaaffilee adda addaa mootummaaf dhiheessanii turan, haaluma kanaan mootummaan wayyaanee gaffiilee karaa nagaan ummatni muslimaa gaafate kanaaf deebii Ajjeechaa,Hidhaa fi  dararaa gurguddaa ummata muslimaa irraan ga`uutti jira.

Muffii kanaan kan ka`e  ummatni musilmaa millionaan lakkaawamu Ammaa jalqabuun mootummaa wayyanee akka hin filanne karaa adda addatiin gurmaa`uun ibsuutti jiru.

Ummatni biyyattii keessa jiran kan biroos haala adda addaatiin mootummaa wayyaanee waliin muffii keessa waan jiraniif filannoon baranaa mootummaa wayyaaneef haala salpaa ta`a jechuun na dhiba.

Akkuma dhaabbileen siyaasaa, waldaaleen amantii fi Mootummoonni biyya adda addaa jedhaa jiranutti dhugaan Motummaan wayyaanee filannoo baranaa haala dimokraatawaa ta`een geggeessuf ni eeyyamaa?

Akkasumas Mootummaan wayyaanee filannoo baranaan yoo mo`ame dhugumaan Aangoo karaa nagaa fi seera qabeessaan dabarsee qaama siyaasaa isa moo`ateef ni kennaa? Mee walumaan kan ilaalu ta`a.

 

 

 

 

 

 

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago