Categories: Oduu Oromiyaa

Filannoo filannoo filadhaa jedhanii maa nu dorsisuu..

Filannoo

Lammii koo gahee kaa barrii shanaan

Kan wayyaaneen baraa baraan ittin dhaadataan

Barrii shanaan dabrus kan ittii anuu hin dhufaa

Bara kana kessaa hoo lammiin koo meqaa kufaa ?

Mee qomoo koo nuuf maalii hikkaan filannoo

kun yeroo  isaniif hundaa dhaaddannoo

Ilmaan oromotiif  godaanisaa yomiyyuu

Mirga hin qabduu  bar filachuu dhabuyuu

Kan naa aja’ibuu hunda duratii

Isanoo kan dhufaniin afaan qawetii

Akkamittii injifatamuu jettee eydaa atii

Angoo kalessaa rasasaan dhuftee

Hardhaa maltuu argamee ufiraa ustee

Lammii koo oromo saba koo hin gawominaa

Isaan tasumaa hin lakisaan baranaa

Kan baranaa inuu filamee dhumee

Kan bara shanaan dhufuus qataa karorfamee

Dhagahii sif himaa hin gawwomiin tasumaa

Hin beytuu jarrii malummaa dimokrasii gonkumaa

Osoo bekanii rasasaa ittii  hin robsan ilmaan namaa

Filannoo filannoo filadhaa jedhanii maa nu dorsisuu

Isanuu filanii gessani maf sabaa koo gowomsuu

Isanuu filanii gessani maf yaroo nurraa qisaasuu??

Beynaa nuhuu wa’ee filanaa

Midhaaf  bu’aasa sirrittii addaan hubaannaa

Namnii tokko mirgaa filuu fi filatamuu qabaa egaa jedhan

Jallawan koo qaqaaliin essattii gidirfamaa jiraan?

Dubadhuu mee qalittii akka sii kessatii uguramaan

Dubadhuu mee qalittii akka sii kessatii uguramaan

Lubbuu sabaa kotii kan si kessatii awaalamaan

Silaa isanuu baraa dabree harkaa 96.8 filamne ja’ni

Baraa kana hoo mequmaan gahanii?

Isaanuu hin bekaan qanyii ijaa ashaboon sukumatanii

Hagaa filamuu fenuu caalaa filamne  jedhuu akkuma bara kanii

Nii egnaa kaa baranaa harkaa meqaan ol guddatuu

Isiinuu hin qanfatanii harkaa 99 monee jettuu

Mohuun kessan way harayaa

Maliin egaa way gowumaa kiyyaa

Isanuu qataa murtessanii wa’ee mirgaa kiyyaa

Isanuu murtessanii wa’ee mirgaa kiyyaa

Sabaa koo oromoo kan dhiraa dubaraa barsisaa fi barataa

Filannoo wahituu  hin jiruu ka’ii maf gowomtaa

Ayoo fi abboon sinii bilisaa bahuuf abdataa

Nuf haa gahuu wanjoon gabrummaa

Hin bilisomnaa abdii hin kutanuu yomumaa.

 

Kiya  Tesfaye

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago