Godina Lixa Shawaa Gindabaratii fi Ona Guduruu keessatti
ummatni gootummaan wayyaanee of irratti hin fillu jechuu irraa filannoon sirnichi adeemsisu akka
fashale maddeen oduu naannoo sanii ni hubachiisu.Mootummaan wayyaanee humna
waraanaa ummatni hin beekne itti bobbaasuun humnaan yaasee of filchiisuuf yaalii godhus akka
hin milkaa’intu gabaafame. Addatti Ona Gindabarat keessatti namni filannoof manaa bahe akka hin jirre kan gabaasan maddeen naannoo sanii, keenya gaheen, murtoon, dirqamni qabnu fincila jechuun dargaggootni ummata waliin filannoo wayyaanee akka morman hubachiisan.
Godinaalee biroo keessaa humnaa fi shira xaxameen dhibbentaadhaan nuti dursaa jira jechuun jaleen wayyaanee OPDOn dhaadachuu eegaltuyyuu, itti bahi filmaatichaa duraanuu waan ifa jiruuf, kun waan haaraa akka hin taanes ibsameera.
Gama biraan Godina Addaa Finfinnee Sulultaa, Sabbataa naannoo Alamganaatti fincilatu ka’a sodaa jedhuun mootummaan wayyaanee Caamsaa 23,2015 halkan waraana itti guuruun ummata doorsisaa fi mirga karaa irra bilisaan socho’uu ugguraa akka jirutu gabaafame.Oduudhuma filannoo walqabatee nu dhaqqabeen Kaaba Shaggar Ona Gabra Gurraachaa keessatti ummatni wayyaanee filuu akka lagatee fi filannoo kana irraas waa tokkollee kan hin eegne ta’uu dubbachaa akka jiru ibsameera. Addatti filannoo kana ilaalchisuun ibsi ABOn tibbana baase bakkoota adda addaa keessatti facaafamuun walqabatee dargaggootnii fi ummatni hubannoota
guddaa irraa argachuun filannoo kana caaluutti akka dugda irraa galagalfatu taasifamuun
gabaafameera.Mootummaan wayyaanee tikootaa fi caasaalee achii qabuun haala ummatichi irra jiru hubachuun sodaatee waraana itti ergus, humni waraanaa haalli jiru itti toluu dhabuu irraa achirraa akka socho’e maddeen oduu naannoo sanii ni hubachiisu. Dargaggootni kan bilisummaa nuu fiduu fi mirga keenya argamsiisu filannoo wayyaanee miti;
qabsoo keenyatu bilisa nu baasa jechuun akka ejjennaa isaanii ibsatan maddeen
gabaasaniiru.Filannoon Gabra Gurraacha keessatti geggeeffameera jedhamu kan caasaan mootummaa wayyaanee filate, kan ummatni lagate ta’uun hubatameera.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…