Categories: Oduu Oromiyaa

Fulbaana 9/ 2016) Waamichaa Ariifachiisaa Uummatni Oromoo Hundii Bakka Jirtaan maraa

Aanaa, Godina, Ganda, Masyibaasii fi Bakka Argamtaan Hundatti Walitti Dhufuun Warraaqsii itti Fufuu qaba!! Manni Hidhaa Wayyaanee Beekamaa fi guddichi kan Hayyootni qaroo uummata Oromoo ta’an keessaatti argamaan Ibiddaan gubachuu fi Wayyaaneen hidhamtoota Ibiddaa jalaa of baasuuf socho’an irratti dhukaasaa ba’uun lubbuun ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo akka wareegamee fi madaa’uun midhamanii hospitala galanii jiraatuu median dubbattee jirti.Kanneen Wareegamanis ta’ee kanneen Madaa’aan yeroof maqaan addaa hin baafamiin jira, kanaafuu bakka Argamnuu Hundatti biyyaa keessaafi alatti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG n Daran Jabaatee akka itti Fufuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo fi Jaarmiyaalee Qabsoo bilisummaa Oromoo hundaaf Waamichaa Ariifachiisaa Dabarseeraa!!

1. Hayyootni Qaroo Uummata Keenyaa Essaa jiruu? Hidhamtootni Oromoo Hundii Mana Hidhaa Qilinxoo keessatti Argamaan Uummataa fi Maatii isaanitti Argisiifamuu qabu!! Badii tokko malee hidhamanii dararama waan jiraniif gaaffii tokko malee akka Hiikamaniif warraaqsaa gaggeessina !!

2. Kanneen Wareegaman, madoo ta’an maqaa isaanii waliin ifaa ta’uu qaba!! Kanneen madoo ta’an maatii fi uummatni akka waldhannatuuf nuuf haakennaman!

3. Mootummaan wayyaanee yakka duguuginsa sanyii balleessuu ummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf aangoo gadhiisuun seeraatti haa dhiyaatu!!

4. Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa kan bilisummaa ummata Oromoofi Walabummaa Oromiyaaf Deebii hanga Gonfannutti Warraaqsaa irraa duubatti hin jennu!! Gochi wayyaanee warraqsatti daranuu kan nu jabeessuudha!!

5. Dhaabni Ergamtuu Wayyaanee EPRDF /TPLF taate OPDOn Oromiyaa keessaa diigamuu qabdi, Oromiyaan bulcha jettee dubbatuu fi Oromiyaa keessaa socho’uu dhaabuu qabdii, Yeroo bulchiinsii naannoo Amaaraa aantummaa uummataa isaa argisiisaa jirutti OPDOn uummata keenyaa ajjeesaa waan jirtuuf bulchiinsii OPDO Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba. Sabboontootni ilmaan Oromoo OPDO keessatti argamtan gara uummataatti makamuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Akka jabeessuun dirqama lamummaa keessaan akka baatan!!

6. Daandiin konkolaataa bakka hundatti cufamuu qaba, kanfaltiin gibiraa fi buusiin taksii kamuu dhaabbachuu qaba, duulli gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu Jabaatee itti fufuu qaba!!

7. Mootummaan Cee’umsaa kan ABO fi dhaabbilee Siyaasaa Bilisummaa saba isaaniif socho’an hammate atattamaan akka hundaa’uu fi mirgii fi bilisummaan uummata Oromoofi saboota cunqurfamoo akka kabajamuuf warraaqsaa wal irraa hin citnee gaggeessina!!

8. Tarkaanfiiwwaan qabeenyaa aangawoota wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee barbadeessuu, qabeenyaa investeroota wayyaanee lafa ofii irraa barbadeessuun lafa ofii dhuunfachuun itti fufuu qaba, Waajjiraalee OPDO keessa jiru hundi barbadaa’uu qaba!!

INJIFANNOON UUMMATA OROMOOromiyaaOF!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago