Qeeyroo
Caamsaa 18,2016/ Magaalaan Boolee fi naannnoon ishee humna waraana Wayyaanee komaandoo jedhamaniin marfamtee jirti. Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo doorsisaan qabeenyaa isaa saamaa fi lafa isaa irraa guurratee gurgurataa ture amma kun hafee uummanni oromoo meeshaa diinni ittiin doorsisuuf utuu hi jilbeenfatin lafa isaa dura dhaabbatee falmii fi FXG gaggeessaa jira.
Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen uummata oromoo naannowaa Finfinnee diigsisee abbaa qabeenyatti gurguratuuf yaalii taasisuun isaa ammaa kaasee kan itti hin milkkoofne tahuu FXGn feshelataa dhufeen uummanni naannoo Boolee Bulbulaa jiraatan mana isaani yeroo dheeraa irra jiraataan Wayyaaneen waraana isheetiin dirqisiistee diigsisuuf yaalii taasistee turteen har’a FXG uummata naannichaan dhoween dhukaasni uummata lafa isaaf bahee falmate irraatti dhuka’een namootni 3 wareegamuun kaan madawanii akka jiranii fi tarkaanfiin uummataanis waraana Wayyaanee irratti fudhatamuudhaan lafa keenya nurraa fudhachuufuu miti aangookeerrayyuu si gaggeessina jechuun uummanni FXG galgala kana finiinsaa jira. Kanneen du’an yeroof maqaa isaanii kan hin arganne dhukaasni yeroo dheeraa uummata iratti dhuka’een magaalaan Boolee fi naannon ishee Garji fi Boolee Bulbulaan walumaa galatti FXGn hudhamtee waraanni Wayyaanees keessa bololi’aa jira.
Gama biraatiin yuuniversiti Haromayyaatti dhukaasni barattoota irratti banamee jira. Mooraa yuuniversitii keessaa tarkaanfin diina fi waraana
irratti fudhatames jabaatee itti fufeera. FXG Haromayyaatti marsaa 5ffaa dhowee jiruun kan duubatti hin deebine tahuu diinnis hubatuudhaan soda guddaan wayyaanee qabatee jira.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…