Barreeffamaa kanaa maqaa dhaloota koo dhiisee akkan maqaa qalamaan katabu na dirqe keeysaa guruguddoon sadihii. Isaanis:
1) Yeroo amma Oromoon biyya alaa gola heddutti waan wal qoodee jiruuf haala akkasii keeysatti eenyutu barreessee fi eenyutu dubbateetu gatii qaba malee qabiyyeen barreeffama tokko gatii waan hin qabneef,
2) Jaarmayaa tokko kan Jaarmayaa isa godhuu nama, akkasumas Hawaasa keessatti bu’uurri (Social unit)n nama. Kanaafuu yeroon waan hawaasa Oromoo ykn deemsaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irra hasa’amu maqaa namootii qooda adda addaa xaphatan ka’uun hin hafu. Kana keessatti namootiin yaada isaanii mormamu ykn gochaa isaanii saxilamu akka uumamaan jibbamanitti fudhataamee akka ”personalized“ hin taneef,
3) Hubannoo fi muxxannoon jiru irraa Oromoo keessatti guyyaa injifatnoon jirtuu callissanii wal jalaa ya’uu, ammoo gaafa haalli hadhooftuun dhalattu wal looguu, waliitti qubaa qabuu, tokko gafataa ka biroon nama gaffii maraa deeybisuu tahee mul’achun ni jira,
Qabiyyeen barreeffama kanaa hanga danda’ameetti nama samuu walaba tahee yaaduu tokkoof odeeffata ragaa qabuu tokko dhiheessuun akka namuu hubtnoo wal qixxaataa horachuun qaama qabsicha ta’uf akeekame dha.
Barreeffama kana keeysatti dabree dabree afaan halagaa dhimmaa bahamee jira. Kuniis yaadicha afaan calqaba itti ibsameen ibsuun hubannoo daran waan namaaf kennuufi.
Oromoon yeroo nagayaa wal gafaatuu nageenya maatii, gandaa, araddaa, uumamaa naannoo wal gaafata. Teessumaa ykn yaa’ii godhaatu maraa nageenyaa fi yaada qajeeltoo akka dhaleeffatuuf Waaqa isaa kadhata, walis eebbisa. Waliigala nagayaa fi nageenya yaaduun qaama aadaa Oromoo ti.
Oromoon dhuma jarraa 19ffaa irratti gaafa caabee biyya namaa deemee dangaa namaa cabsee nagaa booressuun kan inni godhe irraa madde uttu hin tahiin, warra humnaan eenyummaa Oromoo sarbee qabeenyaa isaa saamuu fi hawwutu daangaa itti cabsee mirga uumamaan qabu irraa sarbe. Har’a yeroo beektotni siyaasaa Oromoo tokko tokko ”pacifist” tahuun gaffiin Oromoo karaa nagaa qofaa tarkanfachiifamuu qaba jechuun akka ABO dirqiin waraana filatetti dhiyeessu. Kun dogoggora bu’uraati. Waan Oromoon hundi irra quba qabu tattaaffii karaa nagaa tahan wal yaadachiisuun barbaachisaa dha.
Oromoon Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeesse keeysatti dhibde jirtu karaa nagayaa furachuuf yaalii godhee jira. Isaan kana keeysaa hanga tokko tarreessuuf:-
Tattaafi tahan kana keeysatti yaaliin hundi deebi ykn xumurri isaanii abdii kutannaa fi ganiinsaan gara mootummoota abysiniyatti godhamaniin gaga’amaa dhalchee furmaata uttu hin argatiin fashale hafe. Oromummaan kan Oromoo bira geesse fi mirgoottan hangii tokko har’aa Oromoon Impayeera Ityophiya keeysatti qabu kan argamte warreegama qaali ijoolleen Oromoo ABO/WBO jalaatti hiriirani baasani fi sochi fi fincila diddaa uummatni Oromoo gaggeyseen argamuun hiccitii miti.
Itti fufa…..
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…