WASHINGTON DC—
Paartiileen mormitootaa shan: Sochiin Bilisumaa Uummata Benishaangul, Sochiin Bilisummaa Uummata Gaambella, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden, Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa, xumura torban dabree irra tumsa haarawa polotikaa hundeeffachuu isaanii beeksisan.
Biyya Norway, magaalaa Osloo keessatti – Onkoloolessaa 22 fi 23 walga’uudhaan, “Tumsa Uummatootaa Bilisummaa fi Dimookiraasiif” ka jedhamu tumsa polotikaa haaraa hundeeffachuu isaanii, ibsa ejjennoo facaasaniin kan ibsan hoogganoonni dhaabbatoota kanaa “PAFD yokaan, akka afaan Oromootti TUBD – jedhamuun kan waamamu tumsi polotikaa haaraan kun – akka ummatoonni Itiyoophiyaa keessaa marti gamtaadhaan sirna cehumsa siyaasaa fedhii uummatoota maraa irra madde hundeeffatan hiree kennaaf” jedhu.
PAFD yokaan Tumsi Uummatootaa, ka Bilisummaa fi Dimookiraasiifii – sirna abbaa irree, ka gareen tokko warra kaan dhuunfatee bulchu diiguudhaan, sirna haqa siyaasaa haaraa, ka mirgi hiree-murteeffannoo uummatoota maraa dhugumatti itti kabajamu ijaaruuf ka qabsaa’uu ta’uu illee ibsa ejjennoo bahe kana keessatti ibsanii jiran.
Bakka-bu’oota tumsa kanatti hirmaatan keessaa miseensa koree hoji raawwachiiftuu ABO obbo Toleeraa Adabaa ibsa nuuf kennanii jiran.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…