Categories: Oduu Oromiyaa

“GAAFFII MIRGAA GAAFATAMEEF RASAASNI DEEBII HIN TA’U!!!”

‪#‎oromoprotests‬!!!
Mormiin paartii kongiransii Federaalistii Oromoo (OFC) dhaadannoo “GAAFFII MIRGAA GAAFATAMEEF RASAASNI DEEBII HIN TA’U!!!” jedhuun magaalaa finfinnee naannoo Daalattii irraa jalqabee hanga Dooqaa Booraatti hiriiraan adeemsifamuun barattoota gaaffii mirgaa gaafatanii rasaasaan ajjeefaman daqiiqaa tokkoof yaadachuu dhaan yeroo ammaa kana raawwatee jira!!! hiriirri nagaa kun haala gaariin uummataaf osoo hin beeksifamin akkamittiin gochuu dandeessan? jechuu dhaan koree hoji raawwachiistuu OFC’f gaaffii dhiyaateef dhimma kana uummata naannawaa finfinnee jiran qaamaan dhaqnee beeksisuuf yaalii goonee turre garuu nuuf milkaa’uu hin dandeenye jechuu dhaan rakkoon akka isaan mudate ibsaniiru.walumaa galatti Guyyaa har’aa paartiin OFC/MADRAK fi fedhii dhaan kan irratti hirmaate paartiin ANDINET mormii master pilaanii finfinnee fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwate balaaleffachuun Mormaniiru!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago