Categories: Oduu Oromiyaa

Gabaasa Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa fi Marii Tokkummaa Mootummotaa.

http://www.voaafaanoromoo.com

 — Waggaa afurii fi walakkaa keessatti yeroo tokko kan dhiyaatu gabaasnii qabiinsa mirga dhala namaa kan biyyoota miseensa Tokkummaa Mootummootaa  torban darbe Ebla 6 bara 2014 dhiyaatee jira.
 
Kaawunsilii mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummotaa duratti torban darbe biyyoota gabaasa ofii dhiyeeffatanii  mariin irratti gaggeeffamee keessa Itiyoophiyaan tokko turte.Itiyoophiyaan waggaa afurii fi walakkaa duras gabaasa dhiyeessite mariin marsaa jalqabaa kan irratti gaggeeffamee ture ta’u kan ibse dargaggoo Hiikaa Dhugaasaa inni torban darbee kun marsaa lammataa akka ture ibsee jira.
 
Jila Itiyoophiyaa hogganuun kan argaman Obbo Biraanee Gabree Kristoos Itiyoophiyaan biyya kabajamuu mirga dhala namaan beekamtuu fi biyya sabaa fi sablamonni wal qixxummaan keessa jiraatan ta’u ibsuu isaanii walgahii kana irratti kan hirmaate Dargarroo Hiikaa Dhugaasaa beeksisee jira.
 
Biyyootiin gama dhiyaa gabaasa Itiyoophiyaa dhiyaate irratti yaada kennaniin dhittaan mirga namoomaa itiyoophiyaa keessa akka jiru dubbatanaii keessumaa labsii Itiyoophiyaan baafatte kan farra shorookeessummaa fi kan dhaabatoota dhunfaa ykn enjioo irratti mormii qaban jabeessanii ibsanii jiran.
 
Biyyoota Afrikaa keessaas dhittaan mirga dhala namaa Itiyoophiyaa keessa akka jiru kan ibsan akkuma jiran kanneen biroon immoo akka walii tumsaatti kan dhiyaatan akka jiran ibsamee jira..  
 
Mormii baratonni Oromoo karaa nagaan dhiyeessaniif mootummaan Itiyoophiyaa deebii rasaasaa kennuun sirri akka hin taane kan ibsame ta’uus mootummaa bakka bu’uun kanneen dhiyaatan garu namoota seeraan ala ta’an irratti tarkaanfii fudhatamee jechuun falmuu isaanii Dargaggoo Hiikaan ibsee jira.
 
Biyyi Armeeniyaa garu Oromiyaa keessa rakkoon akka jiru fi waluumaa gala hokkarri gosoota adda addaa irratti akka gaggeeffamu akka jiru beeksiifte jirti.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago