Categories: Oduu Oromiyaa

Gamtaan Afrikaa Haala Oromiyaa Keessa Jiru Hordofaan Jira Jedhe

Dr. Ayishaa Abdullaahii, Gamtaa Afrikaatti koomishinarii dhimma siyaasaa

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa tibba kana taa’udhaaf deemu laalchisee gaazexeessotaaf ibsa Kenname irratti Gamtaan Afrikaa Itoophiyaatti, haala Oromiyaa keessa jiru hordofaa fi hojii diploomaasii ballaa hojjachaa jirachuu isaatu dubbatame.

Ibsa kenname irratti gaafii gaazexeesitoonni waayee mormii Oromiyaa keessaa laalchisee kaasaniif, Gamtaa Afrikaatti Koomishinarii dhimma siyaasaa, Dr. Ayishaa Abdullaahii deebii keniteen, Gamtaan Afrikaa hawaasaf ibsamuu haa baatuu malee dhimma kanaaf xiyeeffannoo kennee hojii diplomaasii hojjachaa jiraachuu ibsite.

Itoophiyaa keessatti haalli mirga dhala nama fi dimookraasii yaaddessaa ta’us “dhaabni kun callisuu baayisaa, hoo dubbatees aantumaadhani” jechuudhan dhaaboonni siyaasaa mormituu biyyattii komee dhageechisaa turaniiru.

Ammas, Ameerikaa dha amma Awurooppaatti yaada adda addaa kan maddisiiseef ibsa baayyeen kan irratti kenname, mormiin Oromiyaa kessa, – dhaaba ardii Afrikaa bakka bu’u han teechuma isaa Finfinnee godhate- Gamtaa Afrikaa irraa homaa waan dhabe fakkaachaa tureera.

Dr. Ayishaan garuu, yeroon ifaaf ifatti ibsaa fi murtoo baasnee hawaasaan geenyu jira. Dhimmonni hojii diploomaasii irratti hojjanu, kan ibsi irratti hin basnees akkasuma, jette.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago