Categories: Oduu Oromiyaa

GAMTAAN MEDREK FINFINNEETTI HIRIIRA GEGGEESSUUF BEEKAMTII ARGATE

Namoo Daandii

 — Koongirsiin Fedraalawa Oromoo fi paartiilee mormituu Itiyoophiyaa ka biroon ka keessa jiran Gamtaan Medrek Sanbata dhufu kana jechuun, Caamsaa 24, bara 2014 Finfinneetti hiriira mormii geggeessuuf akka beekamtiin kennamuuf gaaffiin deddeebisee dhiheessaa ture har’a deebii argachuu beeksisee jira.

Barreessaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, gaaffiin gamataan isaanii Bulchiinsa magaalaa Finfinneef dhiheesse sababaa adda addaan si’a sadii eega fudhatama dhabee booda har’a simatamuu dubbatan.

“Gaaffiin keenya ijoon namoonni siyaasaa, gaazzexeessonni fi barattoonni seera ala qabamuu, hidhamuu fi dararamuun haa dhaabatu. Gaaffiin barattoonni Oromoo fi lammiwwan Oromoo karaa nagaa gaafatan deebii nagaa haa gaafatan. Rasaasaasaan deebii kennuun haa dhaabatu. Maaster-pilaaniin Fininnee kan uummatni irratti mari’atee dhiheesse waan hin ta’iiniif haa haqamu” ka jedhuu fi kanneen biroo of-keessaa qaba – gaaffiin Medrek. Mariin biyyoolessaa, paartii Mootummaa fi paartiilee mormitootaa biyya keessaa fi ala jiran hirmaachisuu fi furmaata biyyoolessaa barbaadu akka geggeessamu gaafachuun illee akeeka gamtichaa ta’uu Obbo Beqqeleen gaaffii fi deebii kennan keessatti hubachiisanii jiran.

Akka Beqqeleen jedhanitti, Araat Kiiloo, Riqicha Finfinnee tii jalqabee, karaa Hawwaaree, karaa Bileer Hoteel deemee Dirree kubbaa miillaa “Waradaa Saddeet” jedhamutti xumurame – Hiriirri Medrek Waame kun.

Gaaffii fi deebii guutu dhaggeeffadhaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago