========================================
Ummatni Oromoo Abbaa Biyyummaa isaa deebisee gonfachuuf qabsoo hadhooftuu geggeeffataa jiraachuun ifa dha. Kaayyoo xaliila ta’e kana qabatee ummata qabsoo isaa finiinsaa jiru cina dhaabbachuuf dhaabbota siyaasaa Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachuutti amanan
waliin tokko ta’uun yoom iyyuu caalaa amma hojjechuu dhan qabsichi fuulduratti akka tarkaanfatu taasisuu barbaachisaadha.
Dhimma kanaa fi kana fakkaatan irratti, ibsa kennuu fi marihachuun barbaachisaa waan ta’eef, ummatni Oromoo biyya UK keessa jiraattan
Hundi walgahii Hayyu Dureen ABO Jaal Galaasaa Dilboo irratti ibsa kennannii fi ummata marihachisan kana irratti akka argamtan kabajaan
afeeramtaniittu. Oromootni biyyoota Awurooppaa keessa jiraattanii fi dhimma arman olitti tuqatamekana irraa qooda fudhachuu feetan hundi
walgahii kana irratti akka argamtan kabajaan isin afeerra.
Guyyaan: 08/04/2017
Sa’a: 12:00 – 17:00 waaree booda
Bakki walgahii: Resource For London,
356 Holloway Road,
London, N7 6PA
Buses: 4, 17, 29, 43, 153, 253, 259, 263, 271, 393
Underground station: Holloway Road Station (Piccadilly Line).
Koree Qindeessituu
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…