Categories: Oduu Oromiyaa

Girmaa Xurunaa hidhuu mitii ajjeesuunuu yakka inni ilmaan Oromoo irratti hojjateef adabbii gahaa miti.

Obboleeyyan keenya Girmaan faan ajjeechisan boolli haa lakkaawu. Kan hiisisan manneen hidhaa Qilinxoo hamma Zuwaay dhiphisanii jiran. Ta’us ilmaan Oromootin qabamuun isaa ergaa jabaa dabarsa. Saba kana irratti yakka dalaganii bahuun amma booda akka hin danda’amne ifatti agarsiisa. Ijjifi harki Oromoo bakka mara jira…amma ammoo tokkummaan waliin tarkaanfataa jira. Oromoo irratti yakka hojjannaan gonni itti dhokattu, eeggusi si baasu kamuu akka hin jirre Bombaa irraa hubadhu.

Ammaa warri isa bobbaasu gara ederaalaa fudhanna jedhanii wixxifachuun isaanii hin oolu. Kun gonkumaa hayyamamamuu hin qabu. Yakka kan hojjate irra jireessatti Oromiyaa keessatti ummata Oromoo irratti. Kanaaf ammoo aangoo dhimmicha ilaaluu ( jurisdiction) kan qabu mana murtii Oromiyaati. Kanaafuu Poolisiin Oromiyaa akkuma qabe, yakkicha qoratee mana murtiif dhiheesuu qaba malee federaalaaf dabarsee laachuu hin qabu. Yoo dadhabdan Qeerrootti himaa, isaani kan Agaazii dhiisii magaazii hin sodaanne!

Ijji Qeerroo Qara!!

bilisummaa

Recent Posts

Open Letter to US, AU & EU Special Envoys on the situation in Oromia

His Excellency, Olusegun Obasanjo, former President of the Federal Republic of Nigeria and AU High…

6 days ago

Politics Of Lamentation In Ethiopia: Ethnic Elite’s Politics For Resources And Land Through Power

By Daniel Behailu Overview of Ethiopian Politics  Africans have always complained that their resources are looted…

6 days ago

Siyaasaa fi amantii

Akkuma beekkamu baroota dabran keeysa gaafa mootummaa EPRDF sanitti hoggansa amantiin isaa islaama tahe irra…

2 weeks ago

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa.…

2 weeks ago

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen:…

2 weeks ago

“Wal dhabdeen siyaasaa mariin malee madfiidhaan hin furamu.”

Dhumaatiin ummataa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti maaf hin dubbanne komiin jedhu hedduutu dhufa. Gama…

4 weeks ago