OMN:Oduu Onk.06,2015 Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa Dheeratti, ijaarsa seeraan alaa manneenii jechuun, wayta bulchitoonni aanichaa manneen jiraattotaa diigaa turanitti, jiraattotaa fi poolisoota jiddutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni sadii lubbuun darbuu himame.
Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa Dheeratti, guyyoota afur irraa jalqabee bulchitoonni aanichaa, manneen seeran ala ijaartan jechuun, wayta manneen diigaa turanitti, mormii jiraattonni dhageesisaniin namoonni sadii lubbuun darbuu himame.
Jiraataan magaalaa Dheeraa tokko OMN f akka himanitti, manneen jiraattota wayta diiggamaa turanitti, namoonni lama summii dhuguun kan ufi ajjeesan yoo ta’u, namni tokko ammoo manni kiyya diiggamuu hin qabu jechuun, osoo falmatuu poolisiidhaan wal ajjeesan.
Magaalaan Dheeraa wayta ammaa poolisoota federaalatiin guutaamtee jirti kan jedhan namni kun, haalli ammaan kana muldhatu hedduu kan nama yaddessuudha.
Namoonni manneen keenya diiggamuu hin qabu jechuun mormii nagayaa dhageesisaa osoo jiran lubbuun darban kun, kanaan dura lafa qabiyyee isaanii irratti mana ijaaratanii seeraan keessa jiraataa kan turan ta’uu namni kun nutti himan.
Namni kun akka jedhanitti, namoota manneen isaanii jalaa diiggame kanaan, yeroo dheeraaf qaamaan kan wal beekan ta’uu nutti himuun, hedduun isaanii namoota harka qalleeyyii akka ta’anis dubbatan.
Guyyoota afur keessatti manneen jiraattotaa 36 kan diiggaman yoo ta’u, manneen 24 ammoo diggamuudhaaf qalamaan dibamanii jiru kan jedhan namni kun, sababa kanaaf jiraattonni hedduun mormii qaban dhageesisaa jiru.
Usmaan Ukkumeetiin qophaaye.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…