Categories: Oduu Oromiyaa

Godina Lixa Wallagga Ijoolleen Oromoo ukkaamfaman

Godina Lixa Wallagga Ona Ganjii irraa dargaggootni Oromoo barreessaa kitaaba UDDEELLAA, Galataa Caalaa Baayisaa akkasumas obboleessa isaa Qadiidaa Caalaa Baay’isaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaa jedhaman humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamfamuun eessa buuteen isaanii dhabame.

(SBO – SADAASA 25, 2015) Dargaggoo Galataa Caalaa Baayisaa Sadaasa 21/2015 galgala keessaa sa’a 10:00 irratti magaala Ganjiitii qabamee waajira poolisii Ona Ganjiitti geeffamee ergasii bakka buuteen isaa dhabamuun gabaafamee jira. Obboleessi isaa Qadiidaa Caalaa Baay’isaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaas guyyuma kana isa faana qabamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira.

Barataa leenjii barsiisota Naqamtee w0aggaa 3ffaakan ta’e dargaggoo sabboonaa Galataa Caalaa, dhiheenya kitaaba mata dureen isaa UDDEELLAA jedhu barreessee gabaa irra kan jiru ta’uunis beekameera.

Dargaggootni sabboontotni Oromoo kunniin badii dalagan qabaatanii kan ukkaamfaman osoo hin taane, Oromummaa isaaniif ejjennaa qabantu akka ukkaamfaman isaan taasise.

Dargaggootni Oromoo Galataa Caalaa Baayisaa, Qadiidaa Caalaa Baay’isaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaa yeroo ammaa kana bakki isaan buufaman haga ammaatti hin baramin jira.

Yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee Sochii FDG barattoota, dargaggoota ykn Qeerroo Oromoon finiinaa jiruu fi sirna isaa raasaa jiru dhaabuuf dargaggoota barattoota qaroo fi jajjaboo ta’an dhaabbilee barnootaa fi hawaasa keessaa funaanee hidhuu fi ajjeesuu bal’inaan geggeessaa jira.

Barattootni/Qeerroo fi dargaggootni akkasumas sabboontotni Oromoo gama isaaniitiin hidhaa fi ajjechaan gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi falmaa bilisummaa irraa nu hin deebisu jechuun FDG jalqaban finiinsuu irratti argaman.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago