Categories: Oduu Oromiyaa

Gutuu Hawaasa Baqataa Oromo Biyya Masrii Hundaaf :

Caayaa Tokkummaa Baqattota Oromo Biyya Masrii Onkololeysa 19/2014
Akkuma bekkamuu warri Commnity Ethiopia (Habasha ) Magaalaa Kaayro keysa jiraatan Enbaassi Ethiopia Magaalaa kaayrotiin hogganamaa jiraachuun isaanii hubatamaadha. Garuu kuni dhimma isaanii oso tahuu Dabre Dabree jechaan hujiin Ilmaan Oromo tuttuqaa jiraachuu isaanitu mul`ata Akkuma yaadatamuu bara dabre keysa dura taa’aan isaanii VOA waliin gaaffii fii Debi’ii godheen Islaama Oromo waaxiqqo malee namni Ethiopia biro kaayro keysa hin jiru jechuun tuffii Ilmaan Oromoof qabu ifaan ifatti mul’isee turee . kana qofaan hin dhaabbanne ololli isaanii dabalataan Oromo Amantiin Addaan Qoqqoduuf ijolleen UNHCR keysaa Afaan hiikan Oromo Islaamaa malee Oromota kiristaana bakka hin bu’an jechuudhaan ololaa addaa gadgeysaa jiraachuun isaanii barreyfama dhihoo kana Afaan Amaraa fii TV EST irratti baasan keysatti dubbatanii jiru .

Olola kana bakkaan geyachuuf Onkololeysa 19/2014 Hiriira Cubbuu fuula UNHCR duratti bahuudhaan Oromofii UNHCR Balaaleyfataa olanii jiru . gocha hamaa fii badaa habashonni akkuma Aadaa isaanitti ofaa jiran kana duraa dhaabbachuuf Caayaan Tokkummaa Baqattota Oromo Biyya Masrii qophii xumurataa jira. gochaa fii ademsa isaanii kana ni fashalsina jabeysinee balaaleyfanna ifaan ifatti duraas dhaabbannee hujiin agarsiifna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati .!!!
Injifannon Ummata Oromoof .!!!

Koree Caayaa Tokkummaa Baqattota Oromo Biyya Masrii .            

Onkololeysa 19/2014 Kaayro.
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago