Categories: Oduu Oromiyaa

Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame

Guyyaa WBO

Ebla 16, 2013, Finfinnee (Qeerroo) — Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame. Jala bultii ayyaana kanaa irratti magaalawwan Oromiyaa kanneen akka Finfinnee, Adaamaa, Amboo, Gudar, Ginc, Dirree Dawaa, Harar, Naqqamtee, Shaamboo keessatti waraqaaleen dhaadannoo heddumminaan maxxanfamuun kabajni ayyaana kanaa eegalee jira.Dhaadannoowwan maxxanfaman.

1.  Oromiyaan kan Oromooti!
2.  Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!
3.  Akeeka gootawwan keenyaa galmaan ni geenya!
4.  Ebla 15 guyyaa gootota oromooti!
5.  Maqaa Oromoo fi Oromiyaan Itoophiyaaf hin falminu!
6.  Qeerroon Bilisummaa Oromiyaaf wareegama kamuu baasa!
7.  Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha!
8.  ABO gaaachana ilmaan oromooti!
9.  Oromia shall be free!
10.  Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu

Kanneen jedhanii fi kanneen biroon diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman loogoo qeerroo kan hammateen magaala keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran. Waraqaaleen dhaadannoo fi alaabaan ABO uunivarsiitiilee Finfinnee, Amboo, Adaamaa, Bishooftuu, Haramaayaa, Hawaasaa, Arbaminc, Madda walaabuu,Miizan Teeppiii fi koollejjiiwwan garaa garaa keessatti hedduumminaan maxxanfamuun Guyyaan gootota oromoo haala ajaa’ibsiifamaan ayyaaneffatamee jira.Maadheeleen dhaabaa bakka mijeeffachuun walitti dhufuun barattootni yuunivarsiitiilee keessattii fi doormii isaanii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa ABO qabachuun waadaa isaanii haaromsachuun ibsa ejjennoo garaa garaa baafatanii jiran.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffachuun Guyyaa gootota oromoo Oromiyaa keessatti haala ho’aan kan ayyaaneffatan yoommuu tahu barataan, barsiisaan, Qotee bulaan, hojjetaa fi hojii dhaaban dhimma QBO duuba deebisuuf mootummaan wayyaanee shira xax u dura dhaabbachuuf waadaa isaa haaromsatee jira. Mootummaan wayyaanee ayyaana kana uummata oromoo biratti akka kabajamu beekus uummata hedduumminaan ayyaaneffatamuu fi waraqaaleen dhaadannoo ifaan maxxanfamuu irraa ka’uun haamilee kutuun waraqaalee dhaadannoo dabballoota funaansisiisuutti bobba’ee jira.Ayyaanni kunis Ebla 15 irraa kaasee hanga Ebla 20 qophiilee garaa garaan kabajamuu itti fufa!

Hub: Ibsawwan ejjennoo fi qophiilee maadheelee irraa kanneen akka walaloo fi suuraa viidiyoon gama fuula duraa edite ta’ee ummata dhaqaba.

Qeerroo

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago