Guyyaan gotota Oromo 2016 Qeerro bilisummaa Oromo biyya masriin ebla 23/2016tti kabajame haalaa midhagaan xumuramee jira.
Egalleen sirna ayyaanichaa ebba manguddota Obbo Fessahaa , Obbo Fu’aad fi Aaddee Halimaan kan banamee hoggaa tahuu Yaadanno jaallan wareegamaniif daqiiqaa shaniif yaadannon sammuu taasisanii jiru.
Kanatti aansee faaruun alaabaa Oromo aaartisti Badrii Mohammadiin dhihaatte turte gutuun hirmaattota walgayii ayyana gotota Oromo biyya masrii waliin faarfatanii jiru.
Bakka bu’aan Dhaabaa Obbo Abdusalaam Sutee Seenaa ayyana gotoota irraa ibsaa bal’aa hirmaattotaaf godhee jira.
Itti dabaluudhaan dhumaatii dargaggota ilmaan Oromo galaana awrophaa fi egypti jiddutti dhuman laalchisee dhaamsa dhunffaa Hayyuu Dureen ABO j/Daawud Ibsaa firaa fi aalii warreen dhumaniif dhaame gara Obbo
Abdusalamin hawaasa dhaqqabee jira.
Waltajjii ayyana gotota Oromo 2016 biyya masritti kabajame kana irratti Aadder Raggaatuu Roobaa haasawa bal’aa gotee jirti.
Bifuma kanaan kessummaan ayyaanicha kanaa Dr Mohammed Abduna’iim haasawa dhagessisaniin dhumaatii ilmaan Oromo galaanaa kessatti mudachaa jiru kana motummaan wayyaanee itti gaafatama kan qabdu tahuu ibsee , Qabsoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachu isaanillee ibsee jira.
Bifuma kanaan tin’isni qabsoo bilisummaa ABOn durfamuuf godhamee jira.
Gara biraan bakka bu’onni hawaasa Oromo gara-garaa fi hojjattonni Oromo dhaabbilee adda addaa kessa hojjachuun hawaasa isaanii tajaajilaa jiran maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromo biyya masritiin badhaafamanii jiru,
Gutuun gutuu ayyanicha kanaa wallee warraaqsaa gara-garaan kana boharsaa turan Misensdota Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromo biyya masrii Aartistii Taajuu shurtubbe , Abdii Komiyaa Ramadaan Badrii Mohammed , Hordofaa Mohammed , Nasiifayi Addunyaa fi Aartistii Gaaddisee shamsuddiin hoggaa tahan hogganaan baandii kanaa Obbo Yousuf Bakrii waltajji kana irratti badhaafamee jira.
Dhuma irratti abbaan wal-tajjii kanaa Obboo Aksiir Nureen gutuu hawaasa baqataa Oromo biyya masrii wal-tajjii kana irratti qoda fudhatan galatomffatee sirna wal-gayii akkuma ebba manguddoon egalametti ebba manguddoon xumursiisee jira.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…